Magaalaan Miniyaappoolis Ameerikaa Keessatti Magaalaa 2ffaa Daa`immaniif Mijattu Ta`uudhaan UNICEF Irraa Beekkamtii Argatte.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Guyyaa hardhaa Gurraandhala 15,2024tti dhaabbanni UNICEF magaalaan Miniyaappoolis Ameerikaa keessatti magaalaa 2ffaa daaimmaniif mijattuu taate jechuudhaan beekkamtii kenneefii jira.magaalaan Miniyaappoolis qaama Inisheetiivii UNICEF kan magaalaa Daa`immanii fi dargaggootaaf mijattuu taate (CFCI) jedhu jalatti beekkamtii argatte.

Bakka buutonni Miseensa mana maree dargaggootaa Miniyaappoolis (MYC) guyyaa hardhaa kana sirna kennaa waraqaa ragaa magaalattiif kenname kana irratti argamuun qooda fudhatanii jiran.qaamni barattoota mana barnoota sadarkaa giddu galeessaa fi sadarkaa 2ffaa of keessatti ammate kun bara 2007tti kan hundeeffame yoo ta`u,murtii bulchiinsi magaalaa Miniyaappoolis murteessu keessatti sagaleen dargaggootaa akka ammatamuuf kan hundeeffame.kunis magaalattiin murtii imaammataa keessatti sagalee dargaggootaa hammachuudhaaf kutannoo yeroo dheeraa qabdu agarsiisa.

Magaalaan Miniyaappoolis inisheetiivii dhaabbanni UNICEF Magaalaa Daaimmaniif Mijattuu taate jedhuun jalqabetti erga makamtee waggoota afur kan lakkoofsiisfte yoo tahu,guyyaa hardhaa Ameerikaa keessaa magaalaa Houston,Texas tti aantee magaalaa 2ffaa daa`immaniif mijattuu taate tahuun muudamtee jirti.

Dhaabbanni UNICEF tattaaffii jiraattonni naannoo tokko tokko fayyaa daa’immanii fooyyessuuf godhan irraa kauudhaan,namoonni qooda fudhatan kunniin walitti dhufuun fedhii fi yaaddoon daa’immanii karoora magaalaa fi imaammata baasuu keessatti fuulduraa fi giddugaleessa ta’uun akka deemu mirkaneessa.Inisheetiiviin kun mootummaan bulchiinsa naannoo sadarkaa gandaatti mirga daa`immanii akka dhugoomsuuf gargaara.

Dhaabbata UNICEF jalatti Magaalaa Daa`immaniif Mijattuu tahuun faayidaan inni qabu heddu.kanniin keessaa muraasni.

  • Magaalaan tokko mirga daa’immanii guddisuuf beekamtii akka kennutu godhuu.
  • Magaalaan tokko imaammataa fi gocha mootummaa naannootiin loogii daa’imman irratti raawwatamu dhabamsiisuuf waadaa galte akka mirkaneessitu gochuu.
  • Murtii naannoo keessatti hirmaannaa daa’immanii fi dargaggoota hunda hammatee fi hiika qabu karaa mana maree dargaggootaatiin mirkaneessuu.
  • Madaalliin hawaasaa gadi fageenyaan akka gaggeeffame, karoorri hojii naannoo bal’aan daa’immaniif akka uumame, karoorri baay’een hojiirra akka oolu agarsiisuudha
Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu