Godinichatti Aanaa Gimbii Ganda Marachee Wadaboo jedhamutti gaafa guyyaa 14/09/2014 ALI tti gurmaa’inna Humna Addaafi Milishootaatiin Kichuuwwaan maqaan isaanii Adunyaa Qadiidaafii Lataa Kifiluu jedhaman galaafatamutu himame.
Jiraattonni dubbifne akka jedhanitti ijolleen ajjeefaman kunneen umriin isaanii waggaa 18 kan hin guunne ta’uufi ajjechaan suukanneessaan ega irratti raawwatamee reeffi isaanii kadhaa maanguddoota biyyaan kaafame awwaalamuus himan.
Ijoolleen kun lameen Kan dhalatan Ganda Marachee Wadaboo yoo ta’an Guyyaa jedhametti obboleettii isaanii ganda Biqiltuu Diggoo ykn Gabaa Sambataa Jedhamtee beekkamtu fira dubbisuu iddoo isaan dhaqanii jiranitti halkaniin Hidhattoota Mootummaan manaa qabaman.
Ijoolleen Adunyaa Qadiidaafii Lataa kifiluu Jedhaman kanniin halkanuma kana Waaranni kun rasaasa itti roobsuudhaan kan fixe yemmuu ta’u ganama yeroo maatiin isaan keessummaa bira buufatan ilaaluudhaaf dhufan manarraa fageessanii humnoota mootummaan ajjeefamanii jiraachuu argan.
Akka jiraataan nuuti odeeffanne kun himutti Ijoolleen kun nama siyaasa kamuu keessa hin jirreefii Kan imalan manni firaa isaan deemanis gara magaalaa ta’uufi bifa kamiinuu hariiroo WBO wajjiin Qabdan jedhamanii Shakkuunis itti danda’amu akka hin ture addeessan.
Maayyii irrattis kadhaa Jaarsolii naannaawichatti argaman taasisaniin reeffa kaasanii Ganda dhalootatti geessanii awwaalamuu himee jira.