Oromiyaa11 maddeen iddeewwan sanaa irraa akka odeefatetti Godina Matakkal Aanaa Dibaaxee Magaalaa Galeessaafi Shawaa Lixaa Aanaa Gindabarat keessatti Waraana Mootummaatiin ajjeechaan walirraa hin cinne gaggeeffamaa jira.
Mootummaan Duula Riphee lolaa balleessuutiin guutuu Oromiyaa keessatti waraaana erga labsee Ji’a tokko kan darbe yoo ta’u, lola gaggeeffaamaa jiru kanaan golee Oromiyaa hunda keessaa Hawaasni nagaa maqaa WBO deegartan jedhuun ajjeefamaa, hidhamaa, qabeenyi gubachaafi saamamaa jiraachuu irra deddeebiin himatu.
Naannoowwan Akka Shawaa Lixaa, Shawaa Bahaa, Shawaa Kibba Lixaa, Gidinaalee Wallagga afran, Godina Adda Oromoo Walloo, Malatakkal, Godinaalee Gujii lamaan, Arsii lixaafi Iddoowwan biroottis ajjeechaan namoota nagaa irra deddeebiin raawwatamuun dhaga’ama.
Haaluma kanaanis dargaggoo Kafiyaaloo Abebee Jiraataa Aanaa Dibaaxee Ganda Gaalessaa yemmuu ta’u manni isaanii xiqqoo Magaalaa Gaalessaa keessa bahanii Mandara Abbaa Jannaa jedhamu jiraata, Magaalaa Gaalessaa turee galaa osoo jiruu waraanni mootummaa isa ajjeesuu himan.
Akka madda kanaatti Ati eenyu eessaa dhufte osoo hin jedhiniin rasaasa itti dhukaasuun ajjeesan. Kana malees Godina Matakkal iddoowwan heddutti hidhaan xiqqaa guddaa, Maanguddoo, Abbaa Gadaa hamma Haadholitti badii tokko malee raawwatamuu guyyaarraa hammaachuu himan.
Gama Kaaniin tibbana waraanni mootummaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Gindiibarat ganda Qarree Doobbiitti namoota nagayaa 12 ajjeesuun, 3 ammoo maddeessuu maddeen ibsan.
Namoonni ajjeefaman kunneen reeffi isaanii bosonatti gatamuun bosona bulee jiraachuu odeeffannoo arganne ni addeessa. Reeffa bosona bule keessaa reeffi namoota 4 argamee fuudhameera kan jedhan maddeen keenya, namoota ajjeefaman kanneen keessaa barattuun kutaa 9ffaa Sicaalee Jifaar, barataan kutaa 10ffaa Zalaalam Abarraa, barataan kutaa 9ffaa Abrahaam Tiksaa fi manguddoon abbaa ijoollee 9 obbo Mul’ataa Bukkaa ni argamu jedhama.
Namni maqaan isaa Zallaqaa jedhamu ammoo warreen madaa’an keessa tokko ta’uu isaas maddi kun ifoomseera. Namoonni ajjeefaman kun barattootaa fi qonnaan bultoota nagayaa kanneen dhimma siyaasaan walqabaturraa bilisa ta’uu eeranii, qabata WBO wajjiin iccitii qabduutiin haala suukanneessaan Waraana Msootummaatiin duguugaman jedhu.
Mootummaan Gama isaatiin duula walitti fufiinsaan Oromiyaa keessatti gaggeessaa jirutti milkaa’uufi tasgabbiin uumamuu kan himu yemmuu ta’u hawaasni yeroo gara garaatti nuuti dubbisnu Oromiyaan gara dirree waraanatti jirjiiramtee jiraachuufi bayanii galuun yaadoo ta’ee jiraachuu himatu.
Lolli kun maqaa Riphee lolaa balleessuutiin guutuu Oromiyaatti karoorri ji’a tokkoof kan qabame yemmuu ta’u WBO gama isaatiin iddoowwan walitti bu’iinsi waraana mootummaafi WBO giddutti gaggeeffame maratti olaatummaa Waraaana Mootummaarratti gonfachuufi Sababa kanaan Waraanni Mootummaa uummata nagaa irratti haaloo bahaa jira jedha.