Godina Shawaa Lixaa Aanaa Gindabarat Ganda Qarree Doobbii keessatti waraanni mootummaa dargaggoota mana barnootaa irraa galaa turan sadiif maanguddoota lama dabalatee walumaa galatti namoonni shan haala suukanneessaan ajjeefamuu maddeen Oromia11’tti himan.
Sodaa nageenyaaf jecha maqaan isaanii akka hin eeramne kan nu gaafatan jiraattoonni Gindabarat irraa dubbifne akka ibsanitti duula dugaagagaa sanyii fi yakki suukanneessaa wal irraa hin cinne guyyaa irraa nurratti geggeefamaa jira jedhan.
Waraanni mootummaan maqaa Opireshinii Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf jedhuun bobbaase, Ajjechaa suukanneessaa guyyaa irraa uummata nagaa irratti raawwatuun cinaatti beelladoota manaaf qabeenyi mana keessaa odoo hin hafiin saamichi humnaa olii baldhinaan nurratti geggeeffamaa jira jedhu jiraattoonni.
Humni mootummaan meeshaa waraanaa hammayyaa hidhachiisuun boobbaase kunneen maqaa “Waraana Shanee sortan” jedhuun uummata harka duwwaa jiru irratti qiyyaafachuun gocha badii daangaa hin qabne raawwataa jiran jedhan jiraattonni achirra odeefanne.
Balaa julmaan itti aggaamame baqachuufi lubbuu ofii baafachuuf namoonni hedduun bosonatti galuu kaasuun haawwan hoosisaniif daa’imman beela dandammachuu dadhabuun lubbuun darbaa kan jiran ta’uu jirattonni dubbifne miira gaddaan guutameen nutti himan.
Himannaa ummataa kanaaf yaada gama mootummaa qulqulleeffachuuf qondaaltota mootummaa aanichaaf bilbillee argachuuf yaaliin goone hin milkoofne.