Hayyu Duree ABO duraanii fi qabsaawaan ganamaa Obbo Galaasaa Dilboo dhukkuba tasa isaan mudateen guyyaa Hardhaa Bitooessa 30/2022tti du`uun isaanii gabaafamee jira.duuti isaanii kunis hawaasa Oromoo biratti gadda guddaa uumee jira.
Obbo Galaasaa Dilboo nama qabsoo Oromoo keessatti aarsaa guddaa kaffalaa turan yoo ta`an, bara 1980 moota keessa yeroo Bariisoo Waabee faa Shinnigatti jaallan isaa kudhan waliin aarsaa ta’an, ABO akka gaggeessuuf kan bakka buufaman yoo ta`u, bara sanaa kaasee hanga Obbo Daawud Ibsaaf baallii dabarsanitti ABO gaggeessaa turan.Obbo Galaasaa Dilboo nama kophaa isaanii miliyoonota qabsoodhaan sochoosan, nama diina Oromoo mataa raasaa turan, nama lolee lolchiisuu fi hooggansa cimaadhaan ummata isaanii tajaajilaa turan
Obbo Galaasaa Dilboo gootni Oromoo guddaan, umurii ijoollummaa isaaniitii hanga gaafa lubbuun darbaniitti, qabsaa’aa, ijaaraa fi falmachuudhaan bara ofii dabarsan.Hayyuun kun haftee Jaarraa Abbaa Gadaati. dabalataanis Obbo Galaasaan nama Umurii isaanii guutuu kabajamuu mirga Oromootiif of kennanii qabsaa’aa turanii fi wal’aansoo gatii guddaa nama kanfalchiisu baayyee darbuun sadarkaa har’a sabni irra jiru kanaan gahuuf gahee leencaa taphatanii turan
Obbo Galaasaan yeroo dhihoo bara qaanqeen jijjiiramaa biyya Itoophiyaa jalqaba ife sanitti, akkuma Oromoota hundaa biyya baqaa jiraatan keessaa gara dachii Abbaa isaanii Oromiyaatti deebi`anii turan. Biyya keessattis Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa Waxabajjii 14, 2014tti gaggeeffameen godina Harargee Bahaa Aanaalee Malkaa Bal’oo, Gola Odaa fi Qumbiitti dhuunfan dorgomuun miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa ta`anii turan.mana marii Bakka Bu`oota Ummataa Keessattis itti aanaa walitti qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Indaastirii fi Albuudaa ta`anii tajaajilaa turan.
DU`A OBBO GALAASAA DILBOO ILAALCHISEE NAMOONNI MAAL JEDHAN?
Obbo Galaasaa Dilboo Ta`aabiin kee ati nubiraa qabdu hin dagatamu Maatiifi ummata sibeeku hudaaf Rabbi obsa hakennu.
Obbo Galaasaa Dilboo du’aan boqochuusaanii dhagahuukootti baay’ee gaddeera. Yeroo warraaksa barattootaarraa eegalee bilisummafi walqixxummaa uummata Oromootiif qabsaa’aniiru. Keessumaa yeroo qabsoo Sumaalee keessa turanitti rakkoofi gidiraa hedduu akka dabarsan natti himanii turani. Dhiheenya kana afeerraa hoggansa jijjiiramaatiin isaaniif taasifameen adeemsa qabsoo nagaa filatanii gara biyyasaaniitti deebi’uudhaan karaa nagaatiin qabsaa’uu jalqabuusaaniitiin cinatti filannoo bara 2013 tiin dhuunfaasaaniitti dorgomanii miseensa paarlaamaa ta’uu danda’aniiru. Hamaafi gaarii bu’aa bayii qabsoo keessatti isaan mudate kaasuudhaan dargaggoonni lamaanirraayyuu akka baratan dhama’aa turaniiru. Obbo Galaasaan nama callisan, hubataa, waan godhan kan sababaan madaalaniifi dubbii nagaaf eenyummaa mijatu nama qaban turani. Obbo Galaasaa kan dhabne yeroo itti baay’ee nubarbaachisanittidha. Waaqayyo lubbuusaanii nagaadhaan haa boqochiisu.
Umurii ijoollummaarraa – hanga maanguddummaatti aarsaan isin Oromoofi Oromiyaaf kaffaltan yoomuu kan dagatamu miti! Galaasaa_Dilboo, lubbuun keessan jannata haa boqottu.
Qabsoo Oromoo boqonnaa kanarra gaheef bu’uura jalqabaa warra kaaye keessaa tokko J/Galaasaa Dilboo ti. Jireenya isaa keessaa harka guddaa Oromoof jiraate. Maqaa ABO fi W30 firattis diinattis beeksisuu keessatti gumaachi hoggansa isaa cululuqaa dha. Dhaloota qubee finiinaa kan dantaa Oromoo irratti hin araaramne kana warra qaree asiin gahe keessaa tokko. J/ Galaasaa Dilboo galanni Oromoof oolte bara baraan onnee sabaa keessa jiraata. Duuti hin ooltu, garuu, akkaa fi yeroo itti deemantu na guba. Lubbuun tee jannataan haa qananiitu! Nagaan boqodhu!
Aktivist Yaayyaa Bashiir
Artist Yoosan Geetaahun
Umrii isaanii guutuu qabsoo oromootiif kan gumaachan obbo Galaasaa Dilboo hayyu dureen ABO Duraanii fi Qabsa’aa gameessa oromoo seenaan kee tarree seenarra taa’ee jira tolli fi ifaajeen ati hawaasa kee fi biyyattii irraa qabdu kan dagatamuu miti.
Boqochuu Jaal Galaasaa Dilboo gaafan dhaga’u gadda guddaatu natti dhaga’ame. Isaan warra qabsoo Oromoo guddisee asiin gahe keechaa nama tokko. Umurii ijoollummaa hanga har’aatti karaa isaaniif galeen osoo qabsoorra jiranuu boqotani. Jabina Jaal Galaasaa itti dhiyeenyaanan beeka. Waliin mooraa tokko keecha Oromoo tajaajilaa tureera. Imaanaa isaan bara rakkoo yeroo dhiphinaa sanatti nutti kennan darbinee dhalootatti dabarsuu utuu hin taane, nu’umti seenaa goonee akka darbinuuf daran cimnee hojjachuu qabna.
Gameessa akka Jaal Galaasaa mitiiti, namni sekondii tokkoof Oromoof hojjete haa leelliffamu; haa yaadatamu! Jaalattoota, maatii isaanii fi uummata keenya maraaf jajjabinan hawwa. Jaal Galaasaa boolla isaanii jala daadhiin haa guutu.
Jaal Galaasaa Dilboo Hayyuu Oromoon Qabdu Kessa Nama jabaa. Biyyoon isanitti haa salphattu, Maatii fi Firoottan Isaanis , Saba oromoo hundaaf rabbi jajjabina haa Kennu.
Xumura Irrattis Bitootessa 30, 2022ttiguyyaan nama irraa hin oolle dhuftee fudhattee jirti. duuti isaanii hawaasa Oromootiif gadda guddaadha. Maatii,firoottan, hiriyyootaa fi hawaasa Oromoo isaan dhabeef rabbiin jajjabina haa kennu. isaan immoo jannataan haa qananiisu.
1 thought on “𝐇𝐚𝐲𝐲𝐮 𝐃𝐮𝐫𝐞𝐞𝐧 𝐀𝐁𝐎 𝐃𝐮𝐫𝐚𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐎𝐛𝐛𝐨 𝐆𝐚𝐥𝐚𝐚𝐬𝐚𝐚 𝐃𝐢𝐥𝐛𝐨𝐨 𝐃𝐮`𝐚𝐚𝐧 𝐁𝐨𝐪𝐚𝐭𝐚𝐧.”
Rest in peace Jaal Galaasaa Dilboo.
Life is short.
Comments are closed.