𝐇𝐮𝐧𝐦𝐢 𝐀𝐝𝐝𝐚𝐚 𝐍𝐚𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐀𝐦𝐚𝐚𝐫𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢 𝐟𝐢 𝐅𝐚𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨𝐧 𝐆𝐨𝐜𝐡𝐚 𝐒𝐮𝐮𝐤𝐚𝐧𝐧𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐖𝐨𝐥𝐥𝐨𝐨 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐆𝐚𝐠𝐠𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚 𝐉𝐢𝐫𝐚𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐧 𝐇𝐢𝐦𝐚𝐦𝐞.
Godina Addaa Oromoo Wallootti sarbamiinsi mirga dhala namaa hamaan nurratti gaggeeffamaa jira jechuun jiraattootni himatu.
Jiraataan Oromia11 Godinicha irraa dubbise akka himutti guyyoota lamaan darban kana qofatti Weerara Waraanni Naannoo Amaaraa irraa dhufe raawwateen lubbuun nama 6 darbuu, qabeenyi saamamuu fi manneen jiraattotaa gubachuu hima.
Jiraataan nuti odeeffanne akka jedhutti lola walirraa hin citnetu gaggeeffamaa jira.Humni Addaa Naannoo Amaaraa Aanaa Harxummaa Fursii keessattuu ganda lama guutumaan guututti ibiddaan barbadeessuun qabeenya adda addaa erga saamanii booda, namas mana keessatti ibiddaan gubaa jiraachuu hima.
Gochi Hammaataan gandoota lamaan barbadeessuu fi Qabeenya Ummata baqatee guutumatti saamuu kun kan raawwate, bitotteessa, 9/2022 yemmuu ta’u, guyyaa kaleessaas Aanaa Daawwee Harawwaatti qonnaan bultoota irratti lolli banamee, qabeenyis gubatee qonnaan bultootni shan Humna waraanaa kanaan ajjeefamuus himee jira.
Dabalataanis Namni nuti dubbifne kun akka jedhutti, Waraanni kun ammas humna dabalatee Weerara kana gaggeessuu kan itti fufe yemmuu ta’u, nama dhumee fi jiru addaan baasuunis rakkisaa ta’ee jira. Humnootni weerara kana gaggeessan kunniin nama daandiirratti argan kaan ukkaamsuun, kaan ajjeesuu fi gocha barbaadan irratti raawwachuudhaan waan argatan hunda fudhatan.guyyaa kaleessaa nama 12 Shawaa Roobiitti ugguruun eessa akka isaan geessan wanti beekkamu hin jiru jechuun ibsa.
Hunmi Addaa Naannoo Amaaraatii fi Faannoon gocha kana kan raawwataa jiran Caasaa Aanaa fii Godinarra jiraniin gaggeeffamuun weerara kana gaggeessaa jiraachuu dubbata.
Akka maddi keenya kun jedhutti “Lolli kun Baruma darbe irraa kaasee uummata buqqisaa kan turee fi ummatni buqqa`e sun osoo iddoo jireenya isaatti hin deebi’in ammas buqqaatii fi dhumaatiin biraa irratti gaggeeffamaa jiraachu ibse”.
Xumura irrattis jiraataan kun ” Walumaagalattuu gocha Oromoo balleessuutu gaggeeffamaa jira waan ta’eef, ummatni Keenya alaa fi keessaa iddoo jirtan maraa Sagalee akka nuuf taatan barbaadna jechuun yaada isaa goolabee jira.