Akka Odeeyfannoon dhaabbata biyyoolessaa haala qilleensa Ameerikaa gabaasetti, haalli qilleensa kutaa mgaalaa Minisootaa keessa jiru Guyyaa boruu Gurraandhala 21-23,2023 tti hedduu yaaddessaa ta`uun himamaa jira.Kutaa Minisootaatti cabbiin guyyaa hardhaa irraa jalqabee kan bu`aa jiru yoo ta`u, guyyaa boruu irraa jalqabee hanga Kamisaatti cabbiin hamaan kan bu`u ta`uunis himamaa jira. cabbiin kun hanga Iinchii 22tti kan bu`u yoo ta`u, sababa kanaaf jecha of eeggannoowwan barbaachisan godhamuus akka qaban himamee jira.

Akka Odeeyfannoon dhaabbata biyyoolessaa haala qilleensa Ameerikaa gabaasetti, haalli qilleensa kutaa mgaalaa Minisootaa keessa jiru Guyyaa boruu Gurraandhala 21-23,2023 tti hedduu yaaddessaa ta`uun himamaa jira.sababa Cabbii hamaaf bu`uuf deemuuf jecha imalli karaa dheeraa godhamuu fi balaalliiwwan hedduunis kan haqamaa jiran ta`uun dubbatamee jira.guyyaa hardhaa qofa konkolaattonni 150 ol ta`an balaaf kan saaxilaman ta`uunis himamee jira. guyyoota sadan kana keessatti cabbiin bubbeen wal make waan jiraatuf of eeggannoowwan barbaachisan Hundi Godhamuus akka qaban dubbatamee jira.

MIIDHAAN BALAA KANAAN DHAQQABU MAAL FA`A?
- Miidhaa Lubbuu fi Qabeenya irratti dhaqqabu.
- Imalaa fi balalliin gara garaa haqamuu.
- Karaan cuccufamuu.

Qophiileen Barbaachisan Maal Fa`a?
- Yoo danda`ame Manaa bahuu dhabuu.
- Meeshaalee yeroo qabbanaatiif barbaachisan kanniin akka Uffata Oowwaa, Chaarjerii Bilbilaa, bishaan, nyaataa fi ifaa harkaatis hunda qabatanii socho`uu.
- Odeeyfanoo Haala qilleensaatiin walqabate yeroo yerotti argachuudhaaf miidiyaawwan kutaa Minisootaa hunda hordofuun eeggachuu.
- 511 irratti bilbiluun odeeyfannoo argachuu.



1 thought on “๐๐๐๐ฅ๐ฅ๐ข ๐๐ข๐ฅ๐ฅ๐๐๐ง๐ฌ๐ ๐๐ฎ๐ญ๐๐ ๐๐ข๐ง๐ข๐ฌ๐จ๐จ๐ญ๐๐ ๐๐ฎ๐ฒ๐ฒ๐จ๐จ๐ญ๐ ๐๐๐๐ข๐ข๐ ๐๐๐๐๐๐๐ฌ๐ฌ๐๐๐๐ก๐ ๐๐๐๐ก๐๐ฆ๐.”
Waqayyoo isiin haa egu fuulasa garakesaniitti haadebisu nagasaas isiniif haakenu
Comments are closed.