Dhukkubni Maariyyee Jaldeessaa (Monkey pox) jedhamuudhaan beekkamu, dhukkuba vaayirasii maqaan isaa Monkeypox virus jedhamuun nama qabu yoo ta`u, vaayirasiin kun bineensotaa fi ilma namaa irraa nama qabuu yookiin daddarbuu danda`a jedhamuun himama
MALLATTOOLEEN DHIBEE KANAA MAAL FA`A?
- Oowwa Cimaa yookiin Qorrachuu.
- Dhukkubbii Mataa Cimaa.
- Xannachoonni Morma Jalaa Iita`uu.
- Dadhabbii Cimaa fi dugda kutuu.
- Bowwoo Badaa.
- Qaamota hargansuu (Kokkee,funyaan) miidhuu fi Qufaasisuu dha.
Dhukkuba kanaan namni qabame mallattoolee kanniin guutuun guututti yookiin muraasa arguu danda`a.yeroo tokko tokko immoo namoonni gariin malattoolee akka kormammuutiin dura mallattoo akka qufa`uu arguu danda`u. namoonni gariin immoo mallattoolee biroo osoo of irratti hin argin dursanii mallattoo kormammaa ofirratti erga arganii booda mallattoolee biroo immoo itti aansee arguu danda`an.
MALLATTOOLEEN DHIBEE MONKEYPOX HANGAM NAMA IRRA TURAN?
Mallattooleen dhibee Maariyyee Jaldeessaa vaayirasii dhibee kanaatiif erga saaxilamanii torbaanota sadiin booda nama irratti muldhachuu jalqabu.namni mallattoolee akka dhibee utaalloo qabaachuu mirkaneeffate, guyyoota 1-4 jiran booda mallattoo kormammaa of irratti arguu danda`a. dhibeen kun sa`aatii mallattoo dhibee kanaa of irratti argan irraa jalqabee hanga guutuun guututti fayyanitti, nama irraa namatti daddarbuu danda`a. dhibeen kun torbaanota 2-4 nama irra turuu danda`a.
YOOMII FI EESSATTI QORATAMUUN DANDA`AMA?
Yoo nama dhibee kanaan qabamee jiru wajjiin walitti dhihaattee dhibeen kun na qabuu hin oolu jettee shakkite yookiin mallattoolee akka kormammaa yoo ofirratti argite ammuma tana qorannoo godhuu ni dandeetta. qaamni qorannoo kana siif godhuu danda`u immoo ogeessa fayyaa qofa.
DHIBEE MONKEYPOX TIIN YOO QABAMAN MAAL GODHUTU NAMA IRRAA EEGGAMA?
- Iddoo madaan dhibee kanaa jiru wayaa yookiin baandeejiidhaan marachuu.
- Madaa yookiin qormammaa qaama irratti bahe dhodhoosuu dhiisuu.madaa qaama irraa dhdodhoosuun dhibeen kun akka qaama namaa irra babaldhatu kan godhu yoo ta`u, dabalataanis vaayirasicha gara nama birootti daddabarsuuf karaa ta`a.dabalataanis qaawwi madaa dhodhoo`uu baakteeriyaadhaan miidhamuu danda`a.
- Naannoo madaan jiru haaduu dhiisuu.iddoo madaan jiru haaduun vaayirasichi akka babaldhatu taasisa.
- Iddoo qaamni nama madaahe qulqullinaa fi gogiinsaan eeguu.
- Harka keenya saamunaa yookiin saanitaayizeriidhaan dhiqachuu. harki keessan madaahee yoo jiraateef of eeggannoo godhuun barbaachisaadha.
- Iitaan yookiin kormammaan harka irratti yoo isin bahee jiraateef, gilaavsiiwwan akka latex,Polyurethane yookiin nitrile fayyadamaa. gilaavsii irra deebinee fayyadamnu yoo kan fayyadamnu ta`e irra deebinee fayyadamuudhaan duratti saamunaadhaan miicuun barbaachisaadha.
- Namoota biroo biratti yeroo dhihaattan Maaskii fayyadamuu.
- Nyaata gahaa nyaachuu fi boqonnaa gahaa fudhachuudhaan qaamni keessan akka bayyanatu godhuun barbaachisaadha.
- Dawaa dhukkuba keessan isin irraa gadi hirdhisu kan akka Advil,Motrin yookiin Tylenol fudhadhaa.
- Madaa afaan keessaa yoo qabaattan bishaan sooqidda qabuun guyyatti harka afur lulluuqadhaa.
DHIBEEN MONKEYPOX DAWAA QABAA?
Vaayirasiin dhibee Maariyyee jaldeessaa nama qabsiisu kophaa isaatti dawaa kan hin qabne ta`us, vaayirasiin dhibee Monkey pox fi Small pox nama qabsiisan waan walfakkaataniif, dawaa vaayirasii smallpox`f oomishame kan tecovirimat (TPOXX) jedhamu fayyadamuun ni danda`ama. dawaan yookiin talaalliin TPOXX jedhamu kan kennamu namoota dhukkubbiin cimaan isaanitti dhagahamu yoo ta`u, namoota dhukkubbii cimaan itti hin dhagahamneef kennuun immoo vaayirasichi humna dawaa kana ofirraa ittisuu horachuu danda`a.
DAWAAN TPOXX NAMOOTA AKKAMIITIIF KENNAMA?
- Namoota dhibee monkey pox hamaa qabaniif yookiin kanniin dhukkubbiin garmalee itti jabaateef.
- Namoota dhibee akka HIV, Leukemia fi Lymphoma qabaniif.
- Namoota madaa yookiin iitaa naannawa Ija,afaan,kokkee, qaama saalaa fi iddoo sagaraan ittiin bahu irraa qabaniif.
- Namoota Dhibee gogaa qaamaa miidhu (Atopic dermatitis,eczema,psoriasis fi impetigo) qabaniif.
- Daa`imman Umrii waggaa 8 gadiitiif.
- Dubartoota ulfaa fi harma hoosisaa jiraniif.