Talaallii Covid-19 Fudhachuu Feetanii?

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Akkuma beekkamu yeroo gara garaatti jiraattota kutaa Isteeta Minnesotatti argamaniif dhaabbanni fayyaa Minisootaa dhaabbilee fayyaa gara garaa fi dhaabbilee amantiiwwan adda addaa wajjiin ta`uudhaan jiraattotni akka talaalliiwwan gara garaa fudhataniif haala mijeessuudhaan beekkama. ammas haaluma wal fakkaatuun jiraattonni carraa talaallii kennuu kanatti fayyadamanii talaallii akka fudhataniif haala mijeessee jira. namoonni talaalliiwwan gara garaa fudhachuu barbaaddanis odeeyfannoo barbaachisu suuraalee armaan gadii irraa argachuu ni dandeettu.

Ji`a Sadaasaa kana keessa guyyoota akka hardhaa fi fuuldura keenyaatti Talaalliiwwan gosoota gara garaa dabalatee si`eessituuwwanis fudhachuun kan danda`aman tahuun beekkamee jira.kanaafuu carraa kanatti daddafaatii fayyadamaa.

Carraan Biroo Maal Fa`atu Jira?

Institiyuutiin Hooggansa Humna Namaa(The Power Of People Leadership Institute) namoota talaallii covid-19 fudhachuu barbaadaniif badhaasa maallaqaa fi kennaa nyaataa qopheessee jira.

Talaalliin Iddoo Biroo Kam Fa`atti Kennamaa Jira?

Hawaasni kutaa magaalaa Brooklyn Park keessa jiraattanis carraa kanatti fayyadamuu ni dandeettu. odeeyfannoo baldhinaa iddoo talaallii itti argatan immoo suuraa kana irraa argachuu ni dandeettan.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

OROMIA11: Oduu 3-31-2025

1- Sirni kabaja Ayyaana Iid Alfaxir waggaa 1,446ffaan.

2- Hawaasa Karrayyuutiif deeggarsi hatantamaa barbaachisa ja’amee.

3- Itoophiyaatti baatii Guraadhala keessa namoota 1200 ol dhibee Gifiraan qabamuu ibsame.

4- Sababa “Firaankoo Vaalutaan haqameef” konkolaattonni fe’umsaa 140 buufata gogaa Samaraatti

5- Kirkira lafaa cimaa Maayinaamar mudateen namoonni du’an 1,700 gahuun ibsame

6- Somaalilaand yaada mootummaan Somaaliyaa buufata doonii Barbaraa Ameerikaan qofaatti akka to’attuuf dhiyeessitee kufaa taasifte.

7- Paayileetii Yuukireen Sudaan Kibbaatti rasaasaan haleelamuun xiyyaara haala ajaa’ibaan qubachiise.

8- Kilaboonni Geeba FA Walakkaa xumuraaf darban Adda bahaanii jiru.

Contact us