Qufaan Maal?
Qufaan mala qaamni keenya ittiin wantoota sirna hargansuu keenyaaf hin taane of keessaa baasuun.Qufaan darbee darbee/yeroo tokko tokko/ qofa nama qufaasisu akka dhukkubaatti hin ilaalamu. Qufaan walitti fufee nama qufaasisu garuu mallattoo dhukkuba salphaa fi rakkoolee fayyaa kan biroo ta’uu danda’a.Qufaan dhukkuba daddarbaa sirna hargansuu vaayirasii infuleenzaa A fi B jedhamuun beekkaman, kanniin hidhii, qoonqoo fi yeroo tokko tokko somba faaluun dhufuudha. Dhukkuba salphaa hanga cimaatti namatti fiduu kan dandaʼu siʼa taʼu, yeroo tokko tokko duʼaaf nama saaxiluu dandaʼa.

Mallattooleen Waloo Qufaa Fi Kovid-19 Qaban Maal Fa`a?
- Oowwa (Qorra qorra namatti dhagahamuu)
- Qufaa
- Hafuurri addaan nama cituu yookiin harganuu dadhabuu.
- Dadhabbii
- Kokkee Qufaadhaan cufame.
- Dhukkubbii qaamaa yookiin maashaa.
- Bowwoo Mataa
- Haqqisuu fi Garaa Kaasaa(Baasaa) dha. kun immoo hedduminaan daa`imman irratti muldhata.
As biratti qabxiin ijoon namni hundi yaadachuu qabu, namni qufaa qabu hundi oo`a qabaachuu dhabuun mala kan jedhuudha.

Mallattooleen Qufaa Yoo Ofirratti Argine Ariitiin Mana Yaalaa Deemuu Qabnu Maal Fa`a?
- Aakkitaa(Tuftoo) Dhiiga qabu yeroo Qufaanutti yoo argine.
- Dhukkubbiin Laphee/qomaa yeroo qufaanutti yoo qabaanne.
- Hafuura Kutaa(Shortness of breath) yoo jiraate.
- Haqqee Hamaa yookiin Kan addaan hin cinne(Daa`imman irratti).
- Nama dhukkuba TB qabu wajjiin dhiheenyatti turtii yoo qabaattan.
- Fedhii nyaataa dhabuu ykn nyaachuu ykn dhuguu diduu.
- Yeroo Hafuura baafannutti sagaleen addaa (Wheezing) yoo jiraate.
- iita`uun qaamaa (keessattuu miilli keenya) yoo jiraateef.
- Dhagna gubaan (Gubaan Qaamaa) yoo nurratti muldhate.

Qufaa/Utaalloo Irraa Daddafnee Fayyuuf Maal Godhuu Qabna?
- Boqonnaa gahaa fudhachuu (Taking Enough Rest).
Qufaan yoo siqabee jiraate mana taa`i. Hojii fi mana barnootaatis dhaquu hin qabdu.keessattuu yoo oowwa badaa qabaatteef mana taa`uun kee dirqama. mana taa`uun kee siif fayyaa yoo tahu,hawaasattis akka ati vaayirasii kana hin daddabarsine si gargaara jechuudha.
- Qaamni Namaa akka hin gogne dhangala`aa gahaa fudhachuu (keessattuu bishaan).
Namoonni hedduun yeroo qufaan qabetti fedhiin nyaataa fi dhugaatiif qaban gadi bu`a. Haa ta`u malee suutuma suutaan wantoota akka bishaanii fi shoorbaa fudhachuun nama fayyada. gama biraatiin immoo qaamni keenya akka humna dhibee kana ofirraa ittisuu dabalatuuf wantoota akka muuza,appilii,Daabboo yookiin qixxaa fi Ruuzaa nyaachuun nama fayyada.
- Bishaan Ashaboon Bulbulanii afaanii fi kokkee lulluuqqatanii tufuu
- Dammaa fi qullubbii adii nyaachuu.
- Waan ho’aa funyaan gararraa ykn Adda keenyarra kaa’achuu.
- Yoo rafnu boraatii (pillow) dabalataa mataa keenya jala kaa’achuu.
Daa`imman Dhalattuu-Umrii Waggaa 3 Jiran Irratti Mallattoolee Kanniin Yoo Argitaniif Gara Yaala Atattamaa(Emergency) Geessaa.
- Yoo daa`imman umrii ji`a sadii gadii taatee fi oowwi qaama isaanii 100.4°F ol ta`e.
- Yoo daa`imman umrii ji`a sadii fi waggaa 3 jidduu jiraatanii fi oowwi qaama isaanii 100.4°F ol ta`ee fi mallattoolee qaama gogiinsaa kanniin akka ijaa fi afaan goggoguu qabaatan, akkasumas sa`aatii hedduuf fincaa`uu yoo dhaban.
- Daa`imman oo`a qaamaa fi waan akka madaa xixiqqoo qaama irratti muldhachuu.
- Halluun gogaa fi hidhii daa`immanii gara arrii ykn cuquliisaatti jijjiiramuu.
- Yoo ol ka`uu dadhabanii fi isin wajjiin taphachuu fi socho`uu dadhaban.
