Dipppaartmantiin Fayyaa minisootaa (MDH) qorannnoo fi talaallii fayya qabeessaa fi bilisaa ta`e hawaasa biraan gahuudhaaf qaamolee hawaasaa gara garaa wajjiin kan hojjatu yoo ta`u, iddoowwan dhibeen kun itti babaldhataa jiruu fi gargaarsa hatattamaa barbaadan hundatti qorannoo fi talaallii bilisaa kan kennu ta`a.
Jiraattonni Minisootaa Akkamiin Kovid-19 Qoramuu Danda`an?
Jiraattota Minisootaa namoonni taatan eessatti akka qoramtan, yoom akka qoramtan, bu`aa qorannoo keessannii eeguuf, gosoota qorannoo fi Daataa gara garaa barbaaddan argachuudhaaf liinkii armaan gadii kana tuqaa. https://www.health.state.mn.us/diseases/coronavirus/testsites/index.html
Minisootaa Keessa Gabaasani Hanga Ammaa Bahe Maal Agarsiisa?
Gabaasni dhihoo kana bahe akka agarsiisutti, Minisootaa keessatti hanga ammaatti namoota dhibee kanaan qabaman, namoota yeroo lammaffaaf qabaman, namoota du`aan godaananii fi namoota Hospitaala ciisaniin wal qabatee odeeyfannoon jiru asii gaditti argama.
- Namoota irra deebiidhaan Vaayirasiin qabaman dabalatee hanga ammaatti namoonni 1,736,893 Vaayirasii kanaan qabamanii jiran.
- Namoonni 14,300 ol ta`an du`aan godaananii jiran.
- Namoonni 79,000 ol ta`an siree hospitaalaatti haajaman.
- Namoonni 13,500 ol ta`an gargaarsi hatattamaa godhamaafii jiran.
Odeeyfannoon Talaalliin Walqabatee Jiru Hoo Maal Fakkaata?
- Namoonni hanga Miliyoona 4 ol ta`an talaallii doozii 1ffaa fudhatanii jiran.
- Namoonni Miliyoona 3.8 ol ta`an guutumaan guututti talaalamanii jiran.