Juusiin muduraa maqaan isaa “WanaBana apple cinnamon fruit puree” jedhamu daa`imman irratti miidhaa hamaa dhaqqabsiisaa jiraachuun isaa erga beekkamee booda, Sadaasa 3,2023 irraa kaasee akka gabaa keessatti hin gurguramne Bulchiinsi nyaataa fi qoricha Ameerikaa murteessee jira.
Mallattooleen Miidhaa Yeroo Gabaabaa Juusiin Kun Fiduu Maal Fa`a?
- Dhukkubbii Mataa
- Dhukkubbii garaa
- Garaa kaasaa fi
- Hir’ina dhiigaati
Mallattooleen Miidhaa Yeroo Dheeraa Hoo Maal Fa`a?
- Aarii Baay`achuu
- Dantaa(Dhimma) Dhabiinsa.
- Dhukkubbii maashaa y
- Darbee darbee garaa keessa nama jeequu.
- Gogiinsa garaa
- Xiyyeeffachuuf rakkachuu
- Dhukkubbii Mataa
- Ulfaatinni Qaamaa Hirdhachuudha.
Furmaanni Maal?
Ammaan tanatti furmaanni jiru, namoonni mallattoolee armaan olii kanniin daa`imman keessan irratti argitan hundi,hatattamaan doktora keessanitti bilbiluun mari`achiisaa yookiin gara iddoo yaala hatattamaatti geessuun laalchisaa.