Waggoota 1400 dura ture Nabi Muhammad (S.A.W) timirri fayyaa ilma namaatiif gaarii akka ta`e dubbachuun yookiin barsiisuun isaanii kan gabaafame. hordoftoota amantii Islaamaa biratti timirri nyaata ji`a ramadaanaa keessa sooma ittiin hiikan (furan) kan sadarkaa jalqabaa irratti argamu yoo ta`u, sababni isaatis barsiisa Nabi Muhammad (s.a.w) waa`ee timiraa barsiisaniin wal qabachuu isaattu himama.
NABI MUHAMMAD (S.A.W) WAA`EE TIMIRAA MAAL BARSIISAN?
Akka gabaasni kitaabban amantii islaamaa keessatti gabaasan agarsiisutti Nabi Muhammad (s.a.w) waa`ee timiraa irratti waan hawaasa addunyaa fayyaa keessa jiru ajaa`ibsiisu tokko dubbatanii jiran.gabaasota waan timiraa dubbatan keessaa tokko isa waa`ee fayyaatiin walqabatu isiniif dhiheessina.
“Dhugumatti Timira Keessa Dawatu Jira”.
– Nabi Muhammad (S.A.W)
Timirri Albuudota Akkamii Of Keessaa Qaba?
Akka qorannoon dhimma kana irratti hojjatame agarsiisutti timirri albuudotaa fi vaayitaaminoota hedduu of keessaa qaba. albudotaa fi vaayitaaminoonni kunniin immoo guddinaa fi fayyaa ilma namaatiif hedduu barbaachisoodha. albuudota akka Pootaashiyeemii, Maangaanizii, Kaalshiyeemii, Maaginiziyeemii, Ayiranii fi Kooppeerii of keessaa kan qabu yoo ta`u, Vaayitaaminoota akka Vaayitaamiin B1, B2, B3, B5, A, C, K and D fa`as of keessaa qabaachuudhaan beekkama.
Faayidaan Timiraa Maal? Qorannoon Saayinsii Fayyaa Hoo Dhimma Kana Irratti Maal Jedha?
Akkuma armaan olitti isiniif kaasuuf yaalletti sababni guddaan ummanni Mus;imaatii fi hawaasni addunyaa hedduun timira nyaatuuf dhimma fayyaatiin wal qabata. akka qorannooleen dhimma kanaan wal qabatan muldhisanitti timirri fayyaa ilma namaatiif faayidaalee hedduu qaba. Faayidaalee kanniinis wal duraa duubaan isiniif dhiheessinaatii hanga xumuratti dubbisa gaarii isiniif haa ta`u.
- Gogiinsa garaa Ittisuuf.
Timirri nyaata qaamaan hin bulloofne (Fiber) guddaa waan of keessaa qabuuf gogiinsa garaa ni hirdhisa ykn hanbisa.
- Alarjii Ittisuuf.
Timirri qabiyyee salfarii waan of keessaa qabuuf carraan alarjii ittisuu isaa olaanadha. Kanaaf namoonni temira nyaatan, carraan dhibee alarjiif saaxilamuu isaanii gadaanaa ta’a.
- Jabina Lafeetiif.
Qabiyyeen timira keessatti argamu seeleeniyeem, maangaaneez, koopparaa fi maagniiziyamiin fayyaa lafee keenyaaf baay’ee barbaachisaadha. kun immoo guddina lafee fayya qabeessa akka qabaannu nu taasisa.
- Hir’ina Dhiigaa hir’isa
Albuudni Iron timira keessatti argamu, Hirdhinna dhiigaa woyyessuuf nu gargaara.
- Fayyaa Onneetiif
hamma kooleestiroola fayyaa keenya miidhuu danda’u hir’isuun onneen keenya fayyaa akka ta’u deeggara.
- Fayyaa Narviitiif
Albuudni Potaasiyeemii timira keessatti argamu, narvii fayyaa fi sirrii akka qabaannuuf waan nu gargaaruuf murteessadha.
- Dadhabbii Qaama Saalaa Hirdhisuuf
Timirri namoonni dadhabbii qaama saalaa qaban akka fedhiin isaanii ol ka’uu fi sodaan isaan bultii keessatti qaban immoo akka irraa baduuf gargaara.
- Yeroo ulfaa fi da’umsaa nyaata filatamaadha
Tmirri fayyaa daa`ima garaa haadhaa keessa jiruu fi yeroo dahumsaatti immoo haadha ciniinsifattuuf humna kenna.
- Fayyaa Sammuu Keenyaa Ni Haaromsa
Timirri qabiyyee vaaytaamiin B6 jedhamu of keessaa qaba. Vaayitaamiiniin kun immoo akka namoonni sammuu fooyya`aa qabaataniif isaan gargaara.
- Sukkaara Uumamaati.