Dhukkubni Kovid dheeraa rakkoo fayyaa dhukkuba Kovid-19 erga qabamanii as torbaanota afurii fi achii ol booda mallattooleen dhukkuba Kovid nama irra turuudha. namoonni hedduun mallattoon kun isaan wajjiin turuu danda`a. yeroo tokko tokko immoo mallattoon dhibee kanaa nama irra turuudhaan jireenya idilee nama jalaa balleessuu danda`a. haalli kovid-19 dheeraa kun maqaalee akka long-haul COVID, chronic COVID, post-acute COVID, or post-acute sequelae of COVID-19 (PASC) jedhamuun beekkama.
Mallattooleen Kovid-19 Dheeraa Maal Fa`a?
- Hafuura baafachuuf rakkachuu ykn hafuura kutuu.
- Dadhabbii jireenya idilee nama harkaa balleessu.
- Yaaduuf, xiyyeeffachuuf ykn yaadachuuf rakkachuu.
- Qufaa
- Rakkoo hirribaa
- Mataa dhukkubbii
- Dhaqna gubaa
- Dhiphina yookiin dhukkubbii qomaa.
- Mataa nama garagalchuu.
- Dhukkubbii lafee ykn maashaa.
- Mataa bowwaafannaa
- Dhukkubbii garaachaa.
- Garaa kaasaa.
Trending
- Rakkoo gogaa kanniin akka rifeensi buqqa`uu.
- Jijjiirama miiraa, dhiphina ykn yaaddoo dabalatee.
- Jijjiirama miira fuunfannaa ykn dhandhamaa.
- Marsaan laguu jijjiiramuu.