Guyyaan ayyaana Iid Al Fixir bara 2024 tti kabajamu gahuudhaaf guyyoota muraasatu hafe.guyyaa kana akkuma barame, hordoftoonni amantii muslimaa idil addunyatti argaman walitti dhufuudhaan maatii,firoottan,ollaa fi hawaasa isaanii wajjiin ayyaanefachuun dabarsu. sababa ayyaanaatiif jecha lakkoofsi namoota iddoo tokkotti walitti qabamanii waan dabaluuf of eeggannoowwan fayyaadhaan wal qabatan akka godhamaniif ogeeyyonni fayyaa dubbatan.
Trending
Kovid-19 Ofirraa Ittisuudhaaf Of Eeggannoowwan Guyyaa Kabaja Ayyaanaa Godhamuu Qaban Maal Fa`a?
Akkuma kanaan dura isinitti himaa turretti,guyyaa kabajni ayyaanaa jiruu fi maatii fi firoottan keessan walitti makamtan of eeggannoowwan armaan gadii godhuu hin irraanfatinaa.
- Yoo dhukkubsatanii jiraattan mana keessan taa`utu gorfama.
- Yoo mallattoolee dhibee Kovid-19 of irratti argitan yookiin nama dhibee kanaan qabamee jirutti siquu keessan shakkitan qorannoo taasisaa.
- Talaallii Kovid-19 fudhattanii yoo hin jiraanneef,fudhadhaa.
- Bakka namni itti heddummaatutti Maaskii kaayachuu hin dagatinaa.
- Harka kessan yeroo yeroodhaan dhiqachuu hin dagatinaa.