Gareen dhaaba siyaasaa Ameerikaa Rippaablikaaniin filannoo guyyaa hardhaa gaggeessaniin, miseensa paartii Dimokraatii tahuun Kutaa Minisootaa irraa deemuun Waashingtan D.C tti kan argamtu Ilhaan Umar guyyaa gurraandhala 2,2023tti koree dhimma alaa Ameerikaa keessaa akka baatu taasifamtee jirti.
Ilhaan koree kana keessaa akka baatuuf bakka buutota paartii Rippaablikaanii irraa xiyyeeffannoon addatti irratti akka kennamuuf sababa kan ta`an eenyummaa, amantii, fi baqattuu ta`uu ishiiti jedhamee himamaa jira. gama biraatiin immoo haasaan Aadde Ilhaan waa`ee Israa`el irratti bara 2019tti dubbattes dubbii ijooti jedhamee himamaa jira.
ILHAAN DHIMMA KANA IRRATTI MAAL DUBBATTE?
Guyyaa kaleessaa dhimma kana irratti miseensonni Kongirasii Ameerikaa paartiilee lamaanii erga mormii cimaa gaggeessan booda, filannoo taasifameen 218-211`n sagaleen caalmaa waan argameef, koree kana keessaa akka baatu taasifamtee jirti. dhimma kana irratti Ilhaan Omar akkana jechuun dubbattee turte.
Ani Muslima, Ani Baqattuudha, Kan Isin dinqu immoo Afrikaa irraa dhufe. Ana irratti xiyyeeffatamuu isaatiin namni isin keessaa ajaa`iba itti ta`e jiraa? Ani dhimma seera Alaa Ameerikaa irratti haasahuudhaaf gatii kan hin qabne tahuu ykn sagaleen kiyya akka ukkamamuuf godhamuu isaa isin keessaa namni ajaa`iba isinitti tahe jiraa? jechuun yoo gaafattu.
Itti fufuunis Ani sagalee ummataa waan taheef hangan bakka kana jiru dhimma ummata kiyyaa irraa dhawwaaquu yookiin lallabuu hin dhiisu jechuun dubbattee jirti.
MISEENSONNI PAARTIILEE LAMAANII HOO MAAL JEDHAN?
Dhimmi kun erga dhagahamee as miseensonni Kongirasii iddoo lamatti wal qooduudhaan wal falmaa kan turan yoo tahu, dhimmi kun ammas dhimma loogii sanyummaa dubartoota gurraachaa fi amantii irratti xiyyeeffate jechuun dubbatamaa jira. Miseensota dhimma kana gadi qabanii morman keessaa takka immoo hiriyyaa dhihoo Ilhaan Omar Kan taate Aadde Aleksaandariyaa Okaasiyoo Koorteez” dhimmi kun dhimma farra islaamummaa fi farra dubartoota gurraachaa irratti Ameerikaa keessatti gaggeeffamaa jiru. dhimma jibbaa ummata sanyii semetikiitiin wal hin qabatu.” jechuun dubbatte.
Dhimma Kana Irratti Haasaa Aadde Ilhaan Omar Guutuu Viidiyoo Armaan gadii kana hordofuu ni dandeettu.