Hayyoonni Islaamaa Gurguddaan Gara Godina Baalee Magaalaa Aliitti Imalaa Jiraachuun Dhagahame.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Telegram
Facebook
Twitter
LinkedIn

Guyyaa boruu Sanbata Xiqqaa, Fulbaana 10/2023tti Godinni Baalee Magaalaan Alii Keessummoota gurguddaa hawaasni Islaamaa Itoophiyaa fi addunyaa qabdu keessummeessuudhaaf qophii barbaachisu hunda xumuruun isii dhagahame. Sagantaa eebba barattootaa Markazni akka Itoophiyaatti sadarkaa 2ffaa irratti argamu Markazni Imaam Daarul Hijraa guyyaa boruu gaggeeffatu irratti, xiqqaa fi guddaan, sa`aa fi namaan wanti jiru hundi kan affeerame ta`uu koreen sagantaa kana qindeessaa jiran dubbatan.

Biyyi Hayyoonni Islaama Itoophiyaa Itti Deemaa Jiran Biyya Akkamiiti?

Biyyi sagantaa seena qabeessa kana keessummeessuuf deemaa jirtu, biyya gootonni baddaa baalee keessaa burqan,biyya alagaan dhufee itti salphatee fi biyya namni haqa isaatiif falmate mataa itti ol qabatee keessa deemu, biyya gootota gabrummaa du`a caala jibban,jibba Jeneraal Waaqoo Guutuu fa`a. biyyi tun seenaa Islaama Itoophiyaa keessatti madrasaa akka biyyattiitti sadarkaa 2ffaa irratti argamu ijaaruudhaan hawaasa islaamaatii fi addunyaadhaaf gumaachite yoo taatu, biyya oomishaalee fi qabeenya uumamaa isiitiin addunyaan dhufee irraa nyaachuu fi daaw`achuu hin quufne. biyya lammiileen biyyattii fi biyyoota alaa daaw`annaadhaaf itti yaa`aa oolanii fi bulan.

Sagantaa Guyyaa Boruu Kana Irratti Keessummoonni Argaman Eenyu Fa`a?

Eeyyeen akkuma marsaalee miidiyaa gara garaa irraa dhagahametti guyyaa boruu keessummoonni gurguddoon akka Prezidaantii Majlisa Itoophiyaa Haaji Hajjii Ibraahim Tufaa,Prezidaantii Majlisa Oromiyaa Sheek Jamaal Muusaa,Dr.Jeeylaan Kadiir,Dr.Muhammad Haamiddiin,Dr.Muhammad Saalih,qaari`i beekkamaa sadarkaa addunyaatti dhageettii fi jaalala guddaa horate Dr.Afiif,Dr.Samahar Taklee,Abbaa sagalee kiloolee fi abbaa hiyyeessaa Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa,daa`iiwwan bebbeekkamoon akka Ustaaz Abubakar Ahmed,Ustaaz Ahmeddiin Jabal,Ustaaz Yaassin Nuuruu,Ustaaz Hayder fi Sheek Jamaal Aliyyii fi kanniin maqaan isaanii as irratti hin dhahamin hedduun affeeramanii jiran. Keessummoota affeeraman cinatti miidiyaan guddichi addunyaa tanaa Aljaziiraanis sagantaa kana irratti kan argamu ta`uun isaa dhagahamee jira.

Qophiin Hanga Ammaatti Godhame Maal Fakkaata?

Hanga ammaatti iddoon sagantaan eebbaa itti gaggeeffamu kan qophaa`ee ta`uu,keessummoonni affeeraman walakkaa ol magaalaa Alii seenuu isaaniitii fi dhangaan aadaa Oromoo Sikkoo Mandoo bifa addaatiin kan qophaa`e tahuutu dhagahame.

Ummata Naannawaa Fi Ilmaan Sikkoo Mandootiif Yaamicha Akkamtu Godhame?

sagantaa seena qabeessa kana ilaalchisee koree qindeessitootaa dabalatee namoonni bebbeekkamoon ija hawaasaa ta`an kanniin akka Ustaaz Raayyaa Abbaa Maccaa guyyaa boruu wal argaan isaanii fi ilmaan Sikkoo Mandoo Godina Baalee,Magaalaa Alii akka ta`uuf yaamicha godhanii jiran. dabalataanis namoonni hedduun sagantaan seena qabeessa kun, sagntaa yeroo jalqabaatiif daa`iiwwanii fi keessummoota miilli isaanii takkaa dachii Baalee irra ijjatee hin beekne ittiin ijjatan waan ta`eef hawaasni naannawa kana jiraatuu fi dhufuudhaaf haalli isaaf mijatu hundi iddoo kanatti akka argamuudhaan seenaa dalaguuf yaamichi dhihaatee jira.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Telegram

2 thoughts on “Hayyoonni Islaamaa Gurguddaan Gara Godina Baalee Magaalaa Aliitti Imalaa Jiraachuun Dhagahame.”

  1. Haydar Kebirsaid

    Nageenni badhaa dha. Alaa manni, sa’aa namni, waatii maatiin, hundi nagaa dha. Guutuu. Galata Uumaa; jedheen eebbaan yaada koon eegala.

    Kanatti aansuun waa’ee Koolleejjii Imaamu Daar Al- Hijrah qophiin miidiyaan Oromiyaa11 dhiheesse qophii quuqamtummaa guddaa of keessaa qabuu dha. Hedduu natti tolee irra deddeebi’een dubbise.

    Sababaan isaatis koolleejjiin kuni maqaa Malik Imaam Ahmad Ibraahiim Al- Ghaazii goota Habashaa bilisoomsee Itiyoophiyaa ijaaree waggoota 15 oliif bulchee tiin waan ijaaramee fi yeroo booda gara Yuniivarsiitii hogguu ol guddatu maqaan koolleejjichaas garas guddachuu dandaha fi abdii jedhu wantan qabuu fi.

    Dabalataanis keessummoota kabajaa
    sirnicha irratti hirmaatan hedduu isaanii mana hidhaa eeggumsa ol’aanaa Federaalaa Finfinnee keessa waan wajjiin turree fii walutti dhiheenya maqoo guddaa jedhamee ibsamuu dandahu hedduu wanta qabnuuf dhimmichi hamilee fi mira kiyya akkaan kakaasee waan na mirqaansee fi.

    Ee akkana Arsiin Sirkoo Maddo dachii
    masaa fi seenaa ti. Baale dachii Arsii
    Maddi Walaabuu itti argamu bakka qubsuma Abbaa Muudaa, handhuura waaltina Oromummaa qofaa osoo hin taane; dachii dhaloota Soofmar (Karrayyichaa), Roobaa(Nuur Huseen), fi akkasumas lafa qaalluu, awaa, gootota, hayyoota, hedduu uumamaan badhaatee turuu isii fi dachii hardhas gootota akka Jeneraal Waaqoo Guutuu faa hedduu waan tahaniif tarreesseen hin xumurree tahuun na hawwatee ti.

    Maahii irrattis jabaadhaa jajjabaadhaa haaluma kanaan hojii keessan itti fufaa jechaa nagaatti, horaa, bulaa, hoffolaa jedhee eebbaan yaada kiyya goolabeen jira.

Comments are closed.

LATEST POST

Contact us

All Rights Reserved to Oromia11 Copyright © 2022 

Website designed by Fuad Siraj

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu