Guyyaan Iidaa guyyaa hordoftoonni mantii muslimaa walitti dhufuudhaan gammachuu isaanii waliin qooddachuudhaan dabarsan. guyyaa kanatti namoonni gosa garaa tahan iddoo tokkotti walitti makamu. yeroo kana immoo of eeggannoowwan dhibee hafuuraa fi wal tuttuquudhaan darbanii hawaasni beekuu qaba. dhibeen kovid-19 immoo gonkumaa irraanfatamuu hin qabu.
Trending
Guyyaa Iidaa kana iddoo barbaachisutti of eeggannoowwan akka Maaskii godhachuu,talaallii guutumaan guututti fudhachuu mirkaneeffachuu, yoo isin dhukkube daddaftanii qorannoo godhuu fi talaallii barbaachisu fudhachuu akka hin daganne.