DHUKKUBA KOLEERAA FI FURMAATA ISAA

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Dhukkubni koleeraa dhukkuba baakteeriyaa Vibrio cholerae jedhamuu fi gosoota 200 ol taan qabu irraa nama qaba.gosoota baakteeriyaa Vibrio Cholerae jedhaman 200 ol kanniin keessaa,kan dhukkuba garaa teessisuu kanaaf sababa ta`an,gosoota baakteeriyaa lamaan 01 fi o139 jedhaman yoo taan, erga qaama namaa seenanii saaatii muraasa irraa kaasee hanga guyyaa shaniitti mallattoo agarsiisuu jalqaban.

Dhukkubni koleeraa baay’inaan kan daddarbu nyaataa fi dhugaatii baakteeriyaa dhukkuba kana qabsiisuun faalame yoo namoonni fayyadamanidha. Yeroo tokko tokko maddi nyaata fi dhugaatii namoota hedduu tajaajilu yoo baakteeriyaa kanaan faalame altakkaatti namoota kumatama qabsiisee naannoof sodaachisaa ta’uu danda’a.

Madda bishaan dhugaatii ujummoo boollaa fi boonbaa hooteelaa keessattis wanti akkanaa uumamuu mala. Baakteeriyaawwan kunniin erga liqimsamanii garaa seenanii booda hedduun isaanii baakteeriyaa garaachaatiin kan dhuman yoo ta’u, kanneen muraasni immoo nyaata keessatti dhokachuudhaan dandamatanii mar’umaan qal’aa bira dhaqqabu. akkasumas Haalonni biroo kan baakteeriyaan kun asiidii garaachaa dandamatee gara mar’umaan qal’aatti akka darbu taasisan keessaa:

al tokkotti baakteeriyaa hedduu liqimsuu, qoorichoota baakteeriyaa garaachaa hir’isan kan akka (antacids), shirooppii farra asiidii garaachaa kan dhukkubbii garaachaaf fudhataman yoo fudhataa jiraatanii fi nyaanni yoo garaacha keessa kan dafee darbu ta’edha. Erga sadarkaa kana darbanii mar’umaan qal’aa dhaqqabanii booda dhangala’aa qaama keessaa bifa teessisuu fi haqqeetiin gadi guuruu eegalu.

Baakteeriyaan koleeraa kun qaama namaa keessa seenus namoota hunda irratti dhukkuba koleeraa hin fidu. namoota hedduu keessatti utuu dhukkuba hin qabsiisinii fi mallattoo tokko osoo hin argisiisiin darba. Namoota muraasa irratti garuu mallattoo fi dhukkuba koleeraa fida.Dhukkubni koleeraa salphaan (Mild cholera) mallattoolee xixiqqaa akka ameebaa fakkaatan qaba. Mallattoowwan akka:

  • bobbaa dhiiga qabu
  • haqqee (balaqqama)

Dhukkubni Koleeraa cimaan (Severe Cholera) sa’aatii muraasa keessatti balaqqama (haqqee) fi bobbaa (teessisaa) irraan dhangala’aa qaama keessaa haga liitira baay’ee baasuudhaan dadhabsiisuu fi miidhuudhaan haga lubbuu dabarsuu ga’a.Dhangala’aan sababa koleeraatiin qaama keessaa ba’u kun elektiroolaaytitoota jireenya lubbuu namaaf murteessoo ta’an akka soodiyeemii, potaasiyeemii fi kanneen biroo fudhatee ba’uudhaan rakkoo lammataa geessisa.

Elektiroolaayitoonni kunniin bakka hin buufaman taanaan salphamatti lubbuu namaa dabarsuu danda’u. Dhukkubni kooleeraa cimaan kun yoo yaala kan hin arganne ta’e,namoota qabate keessaa haga parsantii 50 haga 70 lubbuu galaafachuu mala. Kana jechuun kooleeraan cimaan namoota kudhan yoo qabate haga nama torbaaa lubbuu galaafachuu mala. Keessattuu irra caalatti daa’immanii fi dubartoota ulfaa irratti miidhaan geessisu ol’aanaadha.

Walumaa galatti dhukkubni koleeraa kan dhufu rakkoo qulqullina bishaanii, nyaataa, kan naannoo fi nama dhuunfaa irraan waan ta’eef qulqullina eeguu irratti xiyyeeffachuun dhukuba kana ittisuu keessatti ga’ee ol’aanaa qaba. Halumaa kanaan malootni ittiin qulqullina eegan kanneen armaan gadii shanan koleeraa nurraa dhorkuudhaaf ga’ee olaanaa waan qabaniif itti fayyadamuun lubbuu keenyaaf kunuunsa ga’aa gochuu qabna.

  • Yeroo mana fincaanii deemnee deebinu.
  • Nyaata qopheessuun dura.
  • Nyaata qopheessuun booda.
  • Nyaata nyaachuun dura.
  • Nyaata nyaachuun booda.
  • Akkasumas nama dhukkuba kanaan qabameef kunuunsa yeroo kenninu harka keenya saamunaa fi bishaan qulqulluudhaan dhiqachuu.
  • Bishaan maddi isaa qulqulluu ta’e yoo arganne fayyadamuu yookaan ammoo keemikaalaa fi danfisuudhaan ququlleessinee dhuguun ofirraa ittisuu.
  • Yoo bobbaa ba’an mana fincaanii qofatti ba’uu yookaan boolla bobbaan itti ba’amu qopheessuun itti fayyadamuu, bakkee irrattii fi madden bishaanii cinaatti tasumaa bobbaa ba’uu dhiisuu.
  • Nyaata seeraan bilcheessanii nyaachuu, yoo kan olkaa’an ta’e sirriitti qadaadanii kaa’uu, utuu hedduu hin turiin yeroma hoo`aatti nyaachuu.
  • Ququllina naannoo, kan mana keessaa, kan mana fincaanii, bakka uffata miicanii fi kan kan fakkatan eeguu.

Yaalli dhukkuba koleeraa osoo laabiraatooriin hin mirkaneessin dafee jalqabuu qaba. Sababni isaa dhangala’aan qaama keessaa ba’u lubbuu galaafachuudhaaf yeroo waan hin kennineef. Yaalli inni jalqabaa fi baay’ee barbaachisaa ta’e dhangala’aa qaama keessaa gadi ba’e bakka buusuudha.Kunis kan bakka bu’u Oral Rehydration Solution (ORS) kan namni kamuu mana qorichaa irraa bitatee bishaaniin bulbuluudhaan dhuguu danda’udha. Bulbulli (solution) kun elektroolaayitoota armaan olitti dhukkubni kun nama keessaa gadi guuru fi dhangala’aa ba’u bakka buusuudhaan carraa luubbuun darbuu nama koleeraan qabamee gara parsantii tokkootti gadi buusuu danda’a.

kana jechuun yoo dhukkubsattoonni dhangala’aa kana kan fudhatan ta’e, namoota koleeraan qabaman 100 keessaa haga nama tokkoo qofatu lubbuun darbuu danda’a jechuudha. Yoo sadarkaan dhangala’aa qaama keessaa gadi ba’ee ol’aanaa ta’e immoo, mana yaalaattii karaa ujummoo dhiigaatiin dhangala’aan ga’aan kennamuufii qaba. Qorichi farra baakteeryaa (antibiotics) kanaas mana yaalaa irraa ni kennama. qorichi kun garuu turtii dhukkuba sanii hir’isuuf malee lubbuu baraaruu irratti ga’ee guddaa hun qabu.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu