Kutaa bulchiinsa Magaalaa Minisootaa keessa namoota jiraattanii fi talaallii bilisaa dooziiwwan gara garaa namoota fudhachuu barbaaddaniif Hagayya 24,2023tti carraan talaallii Kovid-19 bilisaan kennuu waan jiruuf dhaqaatii itti fayyadamaa.
Guyyaa kanatti meeshaalee qorannoo hatattamaa Kovid-19 manatti ittiin gootan fudhattanii kan galuu dandeettan yoo tahu,wantoonni beekuu qabdan muraasni immoo talaalliin kun baasii kan hin qabne tahuu,maatiin ijoollee waggaa 18 gadi qabdan talaallii fudhachuuf dhufuun duratti galmeessisuu fi talaalliin kun kan kennamu daa`imman umrii ji`a jahaa fi achii ol tahuudha.

Guyyaan Hagayya 24,2023tti yoo tahu, teessoon 7200 Brooklyn BLVD,Brooklyn Center, MN,55429. namoonni odeeyfannoo dabalataa gaafachuu barbaaddan immoo 612-382-0427 bilbiltanii gaafachuu ni dandeettan.