Baamlaak Tasammaa Woyyeessaa, Tapha Geebaa Addunyaa Bara 2022 Akka Taphsiisaniif Filataman.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Abbaan Murtii Kubbaa Miilaa dhalataa Itoophiyaa ta`an Obbo Baamlaak Tasammaa Wayyeessaa tapha geebaa kubbaa miilaa Addunyaa bara 2022tti Qatar keessatti gaggeeffamu akka taphsiisaniif, Abboota Murtii Afrikaa irraa filataman 5 keessaa tokko ta`uudhaan FIFA (dhaabbata Federeeshinii Kubbaa Miilaa Idil Addunyaa) dhaan filataman.

BAAMLAAK TASAMMAA EENYU?

Baamlaak Tasammaa Woyyeessaa

Handhuura Oromiyaa magaalaa Finfinnee keessatti Muddee 30,1980 tti dhalatee kan guddate abbaan murtii kubbaa miilaa idil addunyaa Baamlaak Tasammaa Woyyeessaa, bara 2003 irraa jalqabee hojii kana kan jalqabe yoo ta`u, turtii waggoota jahaatiin taphoota biyya keessaa erga taphsiisaa turee booda, bara 2009tti taphoota idil addunyaa taphsiisuudhaaf carraa argatee ture.

Obbo Bamlaak nama Ogummaa narsiitin hojjetaa turee fi Sooshiyolojiidhaanis digirii jalqabaa Yunivarsiitii Finfinnee irraa fudhate yoo ta`u, yeroo ammaa kana immoo inistituutii qorannoo fayyaa tokko keessatti gargaaraa qorataa ta’uudhaan hojjataa jira.erga bara 2009tti abbaa murtii kubbaa miilaa idil addunyaa ta`uudhaan FIFA dhaan filatamee booda, sadarkaa idil addunyaatti taphoota gurguddaa gara garaa taphsiisee jira.

Tapha Kubbaa Miilaa Geebaa Addunyaa Raashiyaa Irratti Kan fudhatame.

Bara 2018 titti tapha geeba addunyaa kubbaa miilaa Raashiyaan qopheessite irratti ardii Afrikaa bakka bu`anii achitti argamuudhaan gargaaraa murteessaa ta`uudhaan taphoota afur taphsiisee ture.



TAPHA GEEBAA AFRIKAA 2021 FI BAAMLAAK

Obbo Baamlaak Tasammaa Woyyeessaa tapha geebaa Kubbaa Miilaa Afrikaa bara kana keessa ji`a Ammajjii 9- Gurraandhala 6 gaggeeffame irratti argamuudhaan taphoota jajjaboo gara garaa taphsiisuudhaan daawwattoota kubbaa miilaa addunyaa irratti argaman irraa faaruu hedduu horachuu danda`ee jira.

Taphataa Garee Senegaaliitiif Kaardii Keelloo Yeroo Kennu.

Keessattuu Tapha gareen biyyoolessaa Senegaalii fi Burkinaa Faasoo gara marsaa xumuraatti dabruudhaaf taasisan irratti ga`umsi inni muldhisee fi murtiiwwan gurguddaa dogongoraan kennaman teeknooloojii kubbaa dursuudhaan dabarse jaallattootaa fi deeggartoota kubbaa miilaa hawaasa addunyaa irraa faaruu olaanaa akka horatu isa taasisee jira.

Baamlaak Tasammaa Taphoota sadarkaa idil addunyaatti gaggeeffaman gara garaa irratti gahumsa olaanaa kan agarsiisaa ture yoo ta`u, tapha geeba addunyaa bara 2022tti biyyi Qataar qopheessuudhaaf deemtu irratti akka taphsiisaniif, abboota murtii ardii Afrikaa irraa filataman shanan keessaa nama tokko ta`uudhaan filatamee jira.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

1 thought on “Baamlaak Tasammaa Woyyeessaa, Tapha Geebaa Addunyaa Bara 2022 Akka Taphsiisaniif Filataman.”

Comments are closed.

Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu