Kabaja Ayyaana Bara Haaraa Irratti Of Eeggannoowwan Kovid-19 Godhuu Qabnu Maal Fa`a?

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Vaayirasiin dhibee Koroonaa ilma namaa galaafataa jiru, hardhas guutuun guututti hin dhaabbanne yookiin too`annaa jala hin oolfamne. Dhibeen koroonaa hardhas babaldhachuu irraa waan hin qulqulloofneef of eeggannoowwan dhibee kana ittisuudhaaf barbaachisan hundi akka eeggamaniif ogeeyyonni fayyaa ni gorsu. keessattuu guyyaa ayyaanota garaatiif hawaasni walitti qabamu jechuudha.

  • Qaamaan kan walitti dhuftanii ayyaana wajjiin kabajjan yoo ta`eef, lakkoofsa namaatii fi turtii sa`aatii wajjiin dabarsitanii xiqqeessuu.
  • Manaa fi namoota wajjiin dabarsitan heddummeessuu dhabuun ni filatama.
  • Fageenya keessan eeggadhaa (Faana 6).
  • Yeroo nyaattanii fi dhugdaniin ala maaskii keessan godhachuu hin irraanfatinaa.
  • Harka keessan dhiqachuu Akka Hin Daganne.
  • Saanitaayizerii harkaa fayyadamuu akka hin irraanfanne.
  • Iddoo namni walitti baay`atutti gabayaaf deddeemuu hirdhisuu.
  • Of eeggannoowwan barbaachisan hunda gochuu irraanfachuu dhabuu.
  • Gar malee farsoo dhuguu irraa of qusachuu. machiin waan hedduuf nama saaxiluu waan danda`uuf.
  • Iddoon walitti qabamtan ala osoo ta`ee filatamaadha.
Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu