Miidhaa Sammuu Kovid 19 Irraa Namatti Dhufuu Danda`u.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Dhibeen Kovid-19 miidhaa gurguddaa ilma namaa irraan gahuu akka dandahu ni beekkama. miidhaa qaamaa bira dabree hanga lubbuu fudhachuutti jechuudha. mee hardha immoo gabaabsinee miidhaan sammuu sababa kovid-19 tiin kallattii fi al kallattiidhaan nama irra gahuu danda`an maal fa`a akka ta`an wajjiin haa ilaalluu. Dhibeen kun kallattiidhaan rakkoowwan akka sammuu keessatti Itituu dhiigaa ,miira fuunfachuu fi dhandhamuu dhabuu fi kanniin birootis qaba. al kallattiidhaan immoo rakkoowwan akka dhiphachuu fi bowwoo mataa,Yaaddoo fi dhama`uu,yaadachuu dadhabuu fi xiyyeeffannoo kennuu dadhabuu,of ajjeesuuf yaaluu,kophummaa fi hirriba dhabuu fa`a.

Rakkoo kanniin keessaa bahuudhaaf yookiin dandamachuudhaaf maloota armaan gadii kanniinitti fayyadamuun barbaachisaadha.

  • Hirriba gahaa argachuu.
  • Nyaata Fayya qabeessa nyaachuu
  • sa`aatii Screen daaw`atan ofirraa gabaabsuu
  • of dhiphisuu dhiisuu
  • wantoota adda addaa keessatti hirmaachuu
  • Tamboo xuuxuu dhiisuu
  • yeroo ofii waan adda addaa hujuun dabarsuu
  • waan gaarii ta`e irratti of hidhuudha.
Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu