Badhaasaa Doolaara $100 Talaallii Wajjiin Kennamaaru.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Namoonni kutaa bulchiinsa Minisootaa keessa jiraattanii fi talaallii Kovid-19 bilisaan fudhachuu barbaaddan, carraan addaa kun akka isin hin dabarre. Giddu galli Islaamaa Ihsaan guyyaa hardhaa Muddee 8,2023tti sagantaa talaallii bilisaa badhaasa doolaara $100 wajjiin kennuu waan qabuuf akka isin hin dabarre.

Talaallii fi badhaasni kun achuma jiddu gala kana keessatti sa`aatii 1pm irraa kaasee hanga 5pm tti kan kennamu yoo ta`u, teessoon 955 W Minnehaha Ave,Saint Paul,MN 55104 dha. odeeyfannoo dabalataa barbaannaan 612-874-0665 irratti bilbiluun gaafachuu ni dandeettan. waldaan ogeeyyota fayyaa Oromoo Idil Addunyaatis iddoo kanatti argamuudhaan talaallii kan kennu taha.

Eeyyeen badhaasaaf hin yaadda`inaa,isinumti talaallii bilisaa fudhachuuf qophaa`aa malee badhaasni qophaayeera. Dhaabbanni Ispeeshaalistis Dippaartimantii Fayyaa Minisootaa wajjiin ta`uudhaan sagantaa talaallii bilisaa fi badhaasa doolaara $100 kutaa magaalaa Brooklyn Center keessatti Muddee 8 fi 9 waaree booda sa`aatii 4pm irraa kaasee hanga galgala 8pm tti kennuudhaaf qophii xumuree jira.

Maatiiwwan kamuu yeroo talaalliidhaaf dhuftanitti ijoollee keessan galmeessisuun dirqama.Talaalliin bilisaa kun daa`imman umrii ji`a jahaa fi achii olii hundaaf kan kennamu ta`a. Teessoon 7200 Brooklyn Blvd,Brooklyn Center,MN 55429 dha. odeeyfannoo dabalataatiif immoo 612-382-0427 irratti bilbiluun gaafachuu fi hubachuu ni dandeettu.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu