Barattoonni Manniin Barnootaa Keessatti Akka Of Hin Ajjeefneef Akkamiin Gargaaruu Dandeenya?

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Hardhaan tana addunyaan keessa jiraannu tun rakkoo ilmi namaa baadhachuuf itti ulfaatu keessa seenaa deemaa jiraachuun isii,namoota hedduu biratti ba`aa baadhachuun hin danda`amne ta`ee itti muldhachuu jalqabee jira. ilmi namaa sababoota gara garaa irraa kan ka`e lubbuu qaalii rabbiin isaaf kenne ofiin balleessuu erga jalqabees turee jira. haa ta`u malee yeroo dhihoo as garuu rakkinni kun hawaasa addunyaa keessatti babaldhataa dhufee jira.

Nigeria's law makes it a crime to attempt suicide – there are better ways  to prevent tragedy

Namoota of ajjeesan keessatti barattoonni manniin barnootaa sadarkaalee gara garaa keessatti kan argaman yoo tahu, barattoota kanniin ittisuudhaaf jechas yeroo gara garaatti leenjiiwwan gara garaa ni kennamu. dippaartimantiin fayyaa Minisootaas leenjii dhimma kanaan wal qabatu Onkoloolessa 31,2023tti gama online tiin leenjii kennuuf deema. namoonni dhimma dhibee sammuu fi ittisa of ajjeechaa manniin barnootaa sadarkaa oolmaa daa`immanii irraa hanga kutaa 12tti jiru irratti leenjii fudhachuu barbaaddan (Kognito Suicide Prevention and Mental Health Trainings for Schools-MN Dept.of Health) deemtanii galmaahuun barachuu ni dandeettan.

leenjiin Kun Eenyuun Fi Yoom Kennama?

Leenjiin kun Aadde Stephanie Downey, Dippaartimantii Fayyaa Minisootaatti Qindeessituu Ittisa Of Ajjeechaa kan taateen kan kennamu yoo ta`u, Onkoloolessa 31,2023tti ganama sa`aatii 10:00 am irraa hanga guyyaa sa`aatii 12:00 p.m tti kennama. dhimmoota kanniin irratti gaafiiwwan yoo qabaattaniif anna.lynn@state.mn ykn 651-201-3627 bilbiluun gaafachuu ni dandeettu.

suicide prevention Archives - Counseling Today
Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu