Carraa Talaallii Bilisaa Kanatti Fayyadamaa

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Talaallii Dhibee vaayirasii Kovid-19 bilisaan kennamaa jiru kanatti fayyadamaa.giddu galli tajaajilaa Kooriyaa Onkolooless 11,2023tti namoota umriin isaanii ji`a 6 irraa jalqabee hanga umrii achii oliitiif gosa talaallii Moderna haarawa kennaa waan jiruuf, carraa kanatti fayyadamuu akka hin irraanfanne. dabalataanis namoonni umriin keessan waggaa 65 fi achii gadi ta`e kamiiyyuu talaallii Qufaa waggaa bilisaan fudhachuu barbaaddanis asitti argamuudhaan fudhachuu ni dandeettan. Teessoon keenya 630 Cedar Ave S,#B1 Minneapolis,MN,55454 yoo tahu, sagantaa kanatti fayyadamuudhaaf baallama qabachuun dirqamaa miti. xumura irratti wanti isin yaadachiifnu immoo sagantaan talaallii bilisaa kun kan jalqabamu ganama sa`aatii 9:30 am yoo ta`u kan itti xumuramu immoo guyyaa sa`aatii 12:00pm tti.

Displaying COVID-19 Vaccination Korean Service Center.png

Iddoo Biroo Kan Talaalliin Itti Kennamaa Jiru Eessa?

carraan biroo immoo sagantaa gargaarsa fayyaa hawaasaattu jira. sagantaa Loojii Daakootaa keessatti Dippaartimantiin Fayyaa Minisootaa fi Kutaan bulchiinsa Daakootaa wajjiin ta`uudhaan qopheessan kana irratti argamuudhaan talaallii kovid-19 haaromfame,talaallii qufaa,dhibee Sukkaaraatiif ilaallamuu,qorannoo dhiibbaa dhiigaa,waa`ee ittisa kaanserii fi karaalee gargaarsa baqattootaaf ittiin argatan barachuu ni dandeettan. Sagantaan kun guyyaa Sanbata Guddaa Onkoloolessa 8,2023tti Loojii Daakotaa 1200 Stassen Ln, West Saint Paul,MN, 55118tti kan gaggeeffamu yoo ta`u, baallama dursanii qabachuun haala namaaf salphisa. odeeyfannoo dabalataatiif immoo 651-304-6145 irratti bilbiluun gaafachuu i dandeettan.

Displaying Dakota Lodge Health Fair - OCT 8th - HACER ENG.png
Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu