Kaansariin Harmaa Maal?

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Kaansariin Harmaa kaansarii seelii harmaa irraa ka`uun uumamu yoo ta`u,kaansariin harmaa kun dhiiraa fi dubartii irrattis kan argamu haa ta`u malee, hedduminaan dubartoota irratti muldhata.dhibeen kun gosa seelii irraa ka`uu fi iddoo harma keessatti itti biqilu irratti hundaa`uudhaan gosaa fi maqaa gara garaatti qoqqoodama.

Kaansariin Harmaa Maal Irraa Dhufa?

Akkuma armaan olitti kaasuuf yaalletti,kaansarii harmaa jechuun seeliin harma keessa jiru tokko haala sirrii hin taane tokkoon guddachaa yookiin dabalaa dhufa.seeliin kunis seelii isa fayyaa qabu caalatti saffisaan baay`achuudhaan kuufamaa fi iitaa jabaa uumaa deema. seelonni kaansarii kunniin gara xannacha Liimfii naannawa harmaatti argamanii fi gara birootti tamsa`uu dandaha. dhibeen kun yeroo hedduu seelii aanan harmaa oomishan irraa ka`a. dabalataanis seelota biroo harma keessa jiran irraallee ka`uu danda`a.hireen namni tokko dhibee kanaan qabamuu haala hoormoonii,haala jiruu fi jireenyaa,Jenetiksii,haala naannoo fi akkasumas akkanumaan tasa qabamuu ni jira.

Carraa Kaansarii Harmaatiin Qabamuu Wantoonni Dabalan Maal Fa`a?

Dhibee kaansarii harmaatiin qabamuu sababoonni dabalan hedduu ta`anis,kanniin keessaa muraasa akka armaan gadiitti wal duraa duubaan kaafnee ilaaluu yaalla.

  • Dubartii Ta`uu:- Akkuma asiin olitti kaafnetti dhibeen kun hedduminaan dubartii irratti waan muldhatuuf isaan daran qabuu fi miidhuu danda`a.
  • Laguu yookiin Xurii Ji`aa: Dubartoonni laguu ji`aa Isaanii umrii waggaa 12 gaditti arguu jalqabuun isaanii,akka isaan namoota kaawwan caala dhibee kanaaf saaxilaman taasisa
  • Furdina(Ulfaatina) hamaa ta`e qabaachuu.
  • Umriin Dabalaa Deemuu:- Namni adaduma umriin dabalaa deemuun carraan kaansarii harmaa horachuutis dabaluu danda`a.
  • Umriin Xurii laguu itti argan dheerachuu.
  • Dubartoonni kanaan dura ulfaayanii hin beekne kanniin ulfaayanii beekan caalaa carraa dhibee kanaaf saaxilamuu qaban.
  • Dhibee Kaansarii harmaa kanaan dura cinaa harma tokkootiin qabaachuun carraa harmi kuunis qabamuu dabala.
  • Sababa Qaccee Sanyiitii Maatiitiin:- Kanaan dura yoo haati yookiin obboleettiin dhibee kanaan qabamtee jiraatteef,carraan namni biraatis qabamuu guddaadha.
  • Alkoolii baay`isanii dhuguun carraa kaansarii harmaatiin qabamuu dabala.
  • Yeroo daa`imummaatti qomti (chastiin) namaa cararriif (Radiation) saaxilamuudha.

Mallattooleen Kaansarii Harmaa Maal Fa`a?

Dhibeen kaansarii harmaa mallattoolee gara garaa qabaachuu danda`a. mallattoolee kanniinis akka armaan gadiitti isiniif tarreessina.

  • Iita`a harma keessaa kan yoo harkaan qaqqaban jajjabaatuu fi nama dhukkubu.
  • Hamma,Bocaa fi argaan harma sanii jijjiiramuu.
  • Gogaan naannawa qaccee harmaa jiru didiimachuu,quunca`uu,madaa`uu fi babbaqaquu,akkasumas akka Burtukaanaatti qaawwa xixiqqaa muldhisuu.
  • Qaama harmaa keessaa kan yeroo qaban jajjabaatu.
  • Halluun yookiin haalli gogaa harma irra jiru jijjiiramuu.

Dhibee Kaansarii Of Irraa Ittisuuf Of Eeggannoon Godhamuu fi Furmaanni Isaa Maal?

Sadarkaan jalqabaa fi gaarii dubartoonni akka raawwatan gorfamu, dubartoonni yeroodhaa yerotti harma isaanii ofii isaaniitii qaqqabuun sakatta`iinsa gara garaa godhuudha.harma qaqqabuudhaan iddoo iita`ee jabaatu yookiin jijjiirama addaa qabu addaan baafachuun barbaachisaadha. yoo jijjiiramni addaa jiraate immoo gara mana yaalaa deemuudhaan ogeessa fayyaa dubbisuun barbaachisaadha. Itti aansuun immoo:-

  • Akkuma mallattoolee ofirratti arganiin mana yaalaa deemanii qorannoodhaan addaan baafachuun barbaachisaadha.
  • Alkoolii Baay`isanii dhuguu dhabuu.
  • Sochii Qaamaa gahaa gochuu.ispoortiiwwan akka fiigichaa,daakkaa bishaanii,deemsa miilaa fi kan kana fakkaatan guyyatti yoo xiqqaate daqiiqaa soddoma soddoma hojjachuun barbaachisaadha.
  • Nyaata Madaalawaa Soorachuu.fuduraa fi Kuduraa hedduminaan soorachuun nama fayyada.dhangaalee akka Foon coomaa,Kallee fi dhadhaa baay`isuu dhabuu.
  • Sadarkaa kaansarichi irratti argamu irratti hundaa`uudhaan kutaa harmaa kaansarichi itti biqile muranii baasuu ykn harma cinaa tokkoo guutuun guututti kaasuu yookiin harmaa fi xannachoota liimfii naannoo san Jiran walitti qabanii muranii kaasuudha.
  • Dabalataanis yaalli cararii (radiation) fi qorichoota yookiin yaala hormoonii godhuunis barbaachisaadha.
Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu