Dhiibbaan Dhiigaa Maal?

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Namni tokko dhiibbaa dhiigaa qaba kan jedhamu yoo inni ogeessa fayyaa tokko biratti meeshaa dhiibbaan dhiigaa ittiin safaramuun dhiigni Isaa ilaallamee giddu-galeessatti yoo xiqqaate yeroo lamaa fi achii ol safarri isaa yoo kan 140/90 fi sani ol ta’e. Maal akka fakkaatu immoo suuraa armaan gadii kana irraa baruun ni danda`ama.

Mallattooleen Dhiibbaa Dhiigaa Maal Fa`a?

Namoonni hedduun dhukkuba dhiibbaa dhiigaatiin wal qabatee mallattoolee dhukkuba kanaa daddafanii of irratti arguun isaanitti ulfaata.dhukkubni kun mana yaalaa dhaqanii yoo ilaallaman malee dursanii of irratti beekuun hin danda`amu.irra hedduun namoota dhiibbaan dhiigaa irratti argamee yeroon isaan dhukkuba kana qabaachuu baran,yeroo akka tasaa sababa dhukkuba akka onnee,dhukkuba kalee fi sammuu keessatti dhiiguu(stroke) isaan mudate.

Dhukkuba Dhiibbaa Dhiigaatiif Wantoonni Sababa Ta`an Maal Fa`a?

Dhukkubni dhiibbaa dhiigaa sababoota gara garaa irraa kan ka`e namatti dhufuu danda`a.sabaoota kanniin keessaa muraasni akka armaan gadiitti isiniif tarraa`u.

  • Alkoolii Baay`isuu.
  • Furdina qaamaa gar-malee.
  • Sochii Qaamaa Gochuu Dhabuu.
  • Ulfa: Dubartiin Ulfaa ji`a 6ffaa booda dhibeen kun isii mudachuu danda`a.
  • Dhiphachuu.
  • Dhukkuba Kalee Nama Qabu.
  • Umriin Namaa Dabaluu.
  • Sanyiidhaanis Dhufuu danda`a.

Dhiibbaan Dhiigaa Gar-Malee Yoo Dabale Mallattooleen Muldhatan Maal Fa`a?

Dhukkubni kun yoo namatti hammaatee gar malee dabalaa dhufe mallattoolee armaan gadii kanniin arguun ni danda`ama.

  • Bitaa Namatti Galuu(Confusion)
  • Funuuna(Funyaan Dhiiguu)
  • DHukkubbii Mataa Hamaa
  • Nyaata Jibbisiisuu fi
  • Ijaan Arguu Irratti Rakkachuu.

Rakkooleen Dhiibbaa Dhiigaatiin Wal Qabatanii Dhufan Maal Fa`a?

Dhukkuba onnee:-dabaluun dhiibbaa dhiigaa onnee irratti hojii dabaluudhaan onnee dadhabsiisa.

Sammuu keessatti dhiigni dhiiguu:- kun ammoo qaamni namaa akka laaisha’u/paralyze/ ta’u taasisa.

Kaleen dadhabuu fi hanga hojii dhaabuu gahu:- Dhiibbaan dhiigaa dhukkuba onnee fiduu akkuma danda’utti, dhukkuba kalee qabachunis dhiibbaa dhiigaatiif nama saxila.

Dhukkuba hidda dhiigaa:– keessumatuu kanneen gara lukaa

Dhiibbaa Dhiigaa Of Irraa Ittisuuf Of Eeggannoowwan Godhamuu Qaban Maal Fa`a?

  • Nyaata Sooqidda(Ashaboo) hedduu qabu irraa of qusachuu.
  • Sochii Qaamaa Taasisuu: guyyatti yoo xiqqaate daqiiqaa 30,torbanitti ammoo guyyaa 4 sochii qaamaa gochuun barbaachisaadha.
  • Dhugaatii Alkoolii Hirdhisuu yookiin Dhiisuu.
  • Dhiphachuu Dhiisuu: Dhiphinni sammuu hanga dhiibbaa dhiigaa ol kaasuu danda`a.
  • Tamboo Xuuxuu Irraa Fagaachuu fi Nama Xuuxus irraa siquudha.
  • Furdina Qaamaa Hirdhisuu: Gar-malee furdachuun dhukkuboota adda addaatiifis nama saaxiluu waan danda`uuf,of eeggannoo godhuun barbaachissadha.
  • Nyaata Kuduraa fi Muduraa qabu Hedduminaan soorachuu fi nyaata cooma qabu hirdhisuu.
  • Dhiibbaa Dhiigaa akka Qabdan yoo bartan immoo hanga rakkoo biroo isinitti fidu eeguu osoo hin taane yeroodhaan ogeessa fayyaa bira dhaqanii laallamuun barbaachisaadha.
Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu