Balaa Xiyyaaraa walakkaa magaalaa Moskoo fi St. Piitersibargi mudateen,hoogganaa garee waraana Waagner Yevgenii dabalatee namoonni sagal du`uun isaanii dhagahame.gabaasni chaanaalii Teeleegraamii garee Waagner wajjiin walitti hidhata “Grey Zone” irraa bahe akka agarsiisutti xiyyaarri namoota kanniin fe`ee ture, naannoo Tiver jedhamutti humna ittisa qilleensaatiin dhahamuu isaa dubbata.
balaa xiyyaaraa kana keessa namoonni jiran hundi isaaniituu lubbuun dabruun isaanii beekkamee jira.
Hoogganaan Garee Waraana Waagner Yevgeny Prigozhin Eenyu?
Prigoziny akka lakkoofsa Awurooppaa bara 1961tti Leningard,Raashiyaatti dhalatee kan guddate yoo tahu, magaalaa Vilaadmiir Putiin keessatti dhalatan keessatti dhalate.bara 1979tti osomaa dargaggeessa umrii waggaa 18tii jiru hannaan himatamee wagaa 2 fi walakkaan irratti murtaa`ee hidhamee ture. waggoota lama booda ammas hojii hannaatti waan deebi`eef, ammas saamichaa fi hannaan himatamee hidhaan waggoota 13 itti murteeffamee adabame. waggoota 13 keessaa waggoota 9 erga hidhamee hidhaa keessaa bahee booda, Magaalaa St,Petesberg irratti bahuudhaan nyaata gurguruudhaaf caasaa qindeeffatee hojitti bobbahe.
Namni kun hojii daldala nyaataa kanaanis milkaahuudhaan bara 1990 moota keessa mana nyaataa akkaan qaalii ta`e magaalattii keessatti banachuu danda`ee ture. manni nyaataa qaaliin kunis prazadaantii biyyattii Puutiin dabalatee namoota bebbeekkamoo keessummeessuu jalqabe. Manni Nyaataa isaa kan laga Neevaa jedhamu irratti ijaaramee jiru immoo bashannanaaf mijataa waan tureef namoonni bebbeekkamoon hedduu irraa hin hafan.
Yeroo kana irraa jalqabee michummaan Prazadaant Puutiinii fi Nama kana jidduu ture hedduu oowwaa ture. inumaayyuu bara 2003tti guyyaa dhaloota prazadaantichaa mana nyaataa isaatti kabajatanii turan. Waggoota booda manni nyaataa Prigozhin Kireemliin keessatti nyaata akka dhiheessu waliigalame. Nyaata kana kan fayyadaman Putiin fi warra naannoo Putiin jiran. Kanarraa ka’uun maqaa ”Sheefii Putiin” jedhus argatee ture.Dabalataanis dhaabbatni maqaa Prigozhiniitiin jiru hunduu humna waraanaa fi manneen barnootaa biyyattii keessatti oomishasaa akka dhiheessu kontiraatni bal’aan kennameef. haa ta`u malee jaalalli ilma namaa bakkatti bara baraaf hafuu waan hin dandeenyeef boora`uu jalqabe.
Gareen Waraanaa Waagner Akkamitti Jalqabe?
Bara 2014tti yeroo Raashiyaan Yuukreen weerartee turtetti gareen kun hundeeffame.bara kana irraa kaasee namni hojii daldalaatiin beekkamu kun fuula isaa gara siyaasaa fi waraanaatti gara galfate.kanaanis nama maqaa guddaa qabu ta`uu danda`e. Gareen loltootaa inni of jalatti gurmeessee qabu yeroo jalqabaaf lixa Donbaas keessatti humnoota Yukireen wayita haleelan mul’atan. Gareen kun Waaginar jedhame. maqaan Waagner jedhu yaamicha ajajoonni waraanaa jalqabaa taasisan irraa mogga’e.gareen kun garee dhuunfaa loltoota walitti qindaa’an irraa ijaarame yoo ta’u, kaffaltii guddaadhaan waliigalee mootummaa Raashiyaatiif ergama. gareen kun yeroo gara garaatti biyyoota gara garaa deemuudhaan ergama Raashiyaa raawwachiisaa ture.
Gareen Waagner Akkamiin Gara Falmii Mootummaa Raashiyaatti Gara Gale?
Gareen Waagner kun akkuma Raashiyaan biyya Yuukreen weeraruuf waraana eegalteen ergama waraanaa Mootummaa Raashiyaa irraa fudhatee gara Yuukreen imalee ture. ji`a Fulbaana,2022 irraa kaasee waraana kana irratti kan hirmaataa ture gareen kun, hirmaannaan inni waraana keessatti qabu miidiyaa mootummaatiin haalamaa turus,yeroo dhihoo as garuu ifa bahee amanamee ture. erga ji`a Adoolessaa,2023tti jiraachuun garee kanaa amanamee booda hoogganaan garee kanaa Prigozhiin viidiyoo Miidiyaa hawaasummaa irratti maxxansuu jalqabe.
Yuukreen keessatti waraanni Raashiyaa Kumaatamaan lakkaa`aman erga du`uu jalqabanii booda,loltoota gara Yuukreen deemanii lolan Manniin hidhaa Raashiyaa keessaa akka fudhatuuf hayyama argate. achi booda hidhamtoota filatee fudhatu kanniiniif waadaa seene. waadaa “Hidhamtoonni kun ji’a jahaaf Yukireen keessatti Waagnariif erga lolanii booda yoo lubbuun hafan adabbiin iisaanii akka irraa kaafamee, gara manasaanii akka deeman waadaa seeneef.garuu weerarri Raashiyaa akkuma harkifataa dhufeen Pirigozhin hoggansa waraanaa Raashiyaa qeequu jalqabe.garuu hariiroon Pirigozhin Ministeera Ittisaa Raashiyaa waliin qabu rakkoo keessaa seenu kan jalqabe bara 2023tti wayita hidhamtoota akka hin qacarre dhorkametti ture.
Pirigozhin Ministeerri Ittisaa Raashiyaa Waagnar meeshaalee waraanaa dhorkachuu irra deddeebi’ee himate.yeroo tokko inumaayyuu Ministirri Ittisaa Raashiyaa Sargee Shohigu fi Ajajaan waraanaa Vaalerii Gerasimoov na gananan jechuun himate.Waxabajjii 2023tti garuu qeeqni kunol guddachuudhaan gara waldhabbiitti guddate.waraanni Raashiyaa buufata Waagnar Yukireen keessa jiru irratti haleellaa banuu isaa Pirigozhin himate.Sana booda loltoonni Waagnar naannoo Raashiyaan humnaan Yukireenirra dhuunfatte keessaa gara Raashiyaa qaxxaamuranii, maadheewwan waraanaa ijoo Rostov-on-Don, magaalaa kibba Raashiyaa naannoo daangaatti dhihoo jirtu qabatan.
Gocha hoogganaa kanaatiin gartokkeen addunyaa dhihaa yoo jabdummaa jedhee faarsu, Prazadaantiin Raashiyaa Vlaadmiir Putiin garuu gantummaa” jechuun waaman.Haa ta’u malee, loltoonni Waagnar gara Moskootti qajeeluun hoggansa waraanaa buqqisuuf yaalii fakkatu erga gaggeesanii booda, Pirigozhin loltoota isaa deebise waamuu fi jaarsummaa hogganaa Beelaaruus Aleeksaandar Lukaasheenkoon taasisan fudhachuuu beeksise. erga gara biyya Daangaa Raashiyaa jirtu Beelaaruus imalee jira jedhamee oduun isaa hafarfamaa turee booda, Achuma Raashiyaa keessatti dhokatee jiraachuu isaa Prazadaantiin Belaaruus Aleksaander Lukaashenkoon dubbatanii turan.