Sagantaa Talaallii Fi Kennaa Barattootaa

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Ameerikaa kutaawwan bulchiinsa gara garaa keessatti ji`a hagayyaa irraa kaasee barattoonni hedduun gara barnoota isaanii idileetti deebi`u.barattoonni kunniin osoo gara mana barnoota isaaniitti hin deebi`in dura immoo qorannoowwan fayyaa gara garaa fi talaallii isaan barbaachisu fudhachuun qophaahu. kutaa bulchiinsa Minisootaattis sagantama kanatu gaggeeffamaa jira.dhaabbileen fayyaa gara garaa walitti dhufuudhaan sagantaa talaallii fi kennaa barattootaaf qopheessanii kennuudhaaf deemaa jiran.

Manni Amantii kiristaanaa River Life jedhamu Hagayya 19,2023tti sagantaa kana keessummeessuudhaaf deemaa jira. Maatiiwwan ilmaan keessan gara mana barnootaa akka deebi`aniif qophiiwwan gara garaa godhaa jirtan, guyyaa kana iddoo kanatti argamuudhaan meeshaalee barnootaaf ooluu fi talaallii ilmaan keessan akka fudhatan godhuu ni dandeettan.

Sagantaan guyyaa sanbata Xiqqaa,Hagayya 19,2023tti ganama sa`aatii 9am irraa jalqabee hanga sa`aatii 12pm tti kan turu yoo tahu, Teessoon 520 Howard St.N.Saint Paul,MN,55119 dha. odeeyfannoo dabalataatiif immoo 651-304-6236 irratti bilbiluun gaafachuu ni dandeettan.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu