Talaallii Kovid-19 fi Qufaa Fudhadhaa.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Jiraattonni kutaa bulchiinsa magaalaa Brooklyn Center jiraattan Hagayya 13,2023tti sagantaan talaallii dhibee Kovid-19 fi Qufaa waan kennamuuf akka isin jala hin dabarre. namoonni hanga ammaatti talaallii hin fudhatin guyyaa kanatti gosa talaallii Bivalent jedhamu doozii tokko fudhachuu ni dandeettan. namoonni umriin keeysan waggaa 65 fi achii ol ta`e immoo si`eessituu talaallii gosa Bivalent yoo xiqqaate ji`oota afur booda fudhachuu ni dandettan.

Iddoo,Sa`aatii fi Odeeyfannoo Dabalataatiif…

Namoonni duraan talaallii gosa Monovalent jedhamu doozii tokko qofa fudhattanii turtan immoo doozii jalqabaa erga fudhattanii ji`oota lama booda talaallii Bivalent fudhachuu ni dandeettu. Sagantaan Talaallii Kovid-19 Ji`a Hagayya 13 fi 24 tti kan kennamu yoo ta`u, talaalliin Qufaa immoo Hagayya 14tti kan kennamu taha. talaallii kana namni umrii ji`a 6 ol jiru hunduu fudhachuu ni dandaha.

Sagantaan talaallii kennuu guyyoota kanniininitti sa`aatii 11am-3:00pm tti kan kennamu yoo ta`u,odeeyfannoo dabalataatiif immoo lakkoofsota armaan Olitti suuraa irratti kaahamanii jiran irratti bilbiltanii gaafachuu ni dandeettan.

Iddoon Sagantaan kun itti gaggeeffamu immoo, 5930 Brooklyn Blvd,Brooklyn Center.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu