Jiraattota Minisootaa Inshuraansii Fayyaa Haaromfachuu Barbaaddan Hundaaf.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Akkuma beekkamu Ameerikaa Kutaawwan bulchiinsa gara garaa keessatti lammiilee biyyattii ulaagaalee barbaachisan guutan hundaaf inshuraansiin gosoota gara garaa ni kennama. inshuraansiiwwan kanniin hunda isaatuu yeroon waggatti si`a tokko itti haaromfatan immoo ni jira. Bara 2023 kana keessas inshuraansiin lammiilee biyyattii hundi guyyoota 45 fuuldura keenya jiran kanniin keessatti guuttamuu fi haaromfamuu qaba.

Kutaan Bulchiinsa Minisootaatis lammiilee biyyattii isaatiif kanuma godhuun beekkama. yeroo ammaa kanas sagantaan inshuraansii haaromfachuu fi haaraya galmaahuutis gaggeeffama jira. namoonni inshuraansii keessan hin haaromfatinii fi haaraya baafachuu barbaaddan hundi guyyoota 45 fuuldura keenya jiran kanniinitti xumurachuu hin dagatinaa.

Displaying Briva Health Renewals. English.jpg

Namoonni waraqaan haaromsa inshuraansii karaa poostaatiin isin gahe,foormicha guutaatii deebisaa.namoonni waraqaa haaromsaa hin argatinii fi gaafii dabalataatis qabdan immoo lakkoofsa bilbila 612-844-0710 yookiin 855-566-7873 irratti bilbiluun gaafadhaa. namoonni qaamaan gaafiiwwan inshuraansii fayyaa MNSure wajjiin wal qabatu gaafachuu barbaaddan immoo iddoowwan suuraa armaan olii irratti isiniif kaa`amanii jiranitti argamuun gaafadhaa.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu