Namootni kutaa bulchiinsa magaalaa Minisootaa keessa jiraattanii fi carraa talaallii Kovid-19 bilisaan fudhachuu barbaaddan, guyyaa Sanbata Xiqqaa fuuldura keenyaa kana Adoolessa 21,2023tti Dippaartimantiin Fayyaa Minisootaa fi Gareen Waldhaansaa ODAM wajjiin tahuudhaan talaallii bilisaa waan kennaa jiraniif akka isin hin dabarre.
Guyyaan Adoolessa 21 guyyaa bilisummaa biyya Kolombiyaa yoo tahu, guyyaa kana sababeeffachuudhaan talaalliin bilisaa kun kan kennamu taha.namoonni umriin keessan daa`imman ji`a jahaa fi achii ol taatan hundi fudhachuu ni dandeettan. Talaalliin kun kan itti kennamu North Mississippi Regional Park (5116 N Mississippi Dr,Minneapolis,MN,55412) yoo ta`u, baallamaa fi baallamaan alas dhufuun rakkoo hin qabaatu.saganataan kun sa`aatii 1pm irraa hanga 4:00Pm tti kan turu ta`a.