Mallattoolee Koovid-Dheeraa (Long Covid)

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Namni dhibee Kovid-19tiin qabamee fayye, mallattoolee gara garaa ofirratti arguu danda`a. namni gariin daddafee vaayirasii kana irraa qulqullaahuu kan danda`u yoo ta`u, gariin isaanii yeroo itti fudhachuu dandaha. Kovid Dheeraan namoota umrii hunda keessatti argaman irratti argamuu danda`a. namoonni haalli fayyaa isaanii gaarii turee fi umrii dargaggummaa keessa jiranis hubamuu danda`u.

Mallattooleen Dhibee Kovid Dheeraa Maal Fa`a?

Vaayirasiin Kovid-19 kutaa qaama ilma namaa kanniin akka somba,onnee,sammuu,tiruu, kalee fi garaachaa miidhuu dandaha.sababa kanaaf jecha dhibeen kun mallattoolee gara garaa qabaachuu danda`a. kanniin keessaa immoo muraasni kanniin armaan gaditti tarreeffaman.

  • Bututa (Dadhabbii).
  • Hafuura kutuu ykn hafuura baafachuuf rakkachuu.
  • Yaaduuf ykn xiyyeeffachuuf rakkachuu.
  • Bowwoo

  • Hojii xiqqoo hojjatanii dadhabbiin namatti dhagahamuu.
  • Dhukkubbii Qomaa.
  • Dhahannaa Onnee Saffisaa.
  • Jeequmsa Hirribaa.
  • Miirri Namaa Jijjiiramuu,Sammuun dhiphachuu yookiin yaadda`uu.
  • Dhukkubbii Lafee Yookiin Maashaa.
  • Dandeettiin Dhandhamuu yookiin ulachuu jijjiiramuu
  • Dhukkubbii Qoonqoo yookiin Qufaa.
  • Hoo`a Qaamaa.
  • Baasaa yookiin Garaa Kaasaa.
  • Jijjiirama Marsaa Laguu.
  • Rifeensi namaa dhumuu.
Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu