Ramadaanaa Fi Talaallii

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Baatiin Ramadana bara 2023 guyyaa boruu irraa tokko jedhee kan jalqabu ta`uun isaa beekkamee jira. hawaasni muslimaa addunyaa kana guutuu keessatti argamu ji`a Ramadaanaa kana bifa addaatiin simatee keessummeessuudhaan beekkama.aadaan jaarraa hedduuf baramaa tahee dhaloota irraa ka`ee dhalootatti dabraa as gahe kun, yeroo dhihoo as sababa Vaayirasii Koroonaatiif jecha jijjiiramuu danda`ee jira.

Sababa dhibeen kun addunyaa irra babaldhatee tureef wantoonni hedduun jijjiiramuu danda`anii turan. sirni nyaataaa fi dhugaatii, sirna nageenya wal gaafachuu, sirni walitti siqanii wal gargaaruu fi kanniin biroo hedduun jijjiiramanii turan. Haa ta`uu malee yeroo dhihoo asitti talaalliin dhibee Koroonaa waan argameef haalli jiruu fi jireenya ilmaan namaa gara iddoo tureetti deebi`uu jalqabee jira. hardha akkuma kaleessaatti hawaasni walitti dhufee jiruu fi jireenya hawaasummaa isaa hunda wajjiin qooddachuu danda`ee jira. mana walii dhufee wajjiin nyaatee dhuguu, karaa irratti wajjiin soomana furuu fi karaa irraa irkisee wal kaasuus jalqabee jira.

Talaalliin Erga Dhufee Maal Fa`a Jijjiire?

Lubbuun miliyoonotatti lakkaa`amtu dachii irraa erga dhumattee booda, qorattoonni gurguddaan addunyaa tanaa dorgommii talaallii dhibee kanaa argachuudhaaf dorgomaa turan booda, talaalliin gosoota gara garaa argamuudhaan hawaasa addunyaa sodaa guddaa inni keessa jiru isa baasuu fi lubbuu isaa du`a irraa baraaruu jalqaban. hawaasni kaleessa walirraa baqatu walitti dhihaachuu jalqabe, hawaasni yeroo rakkootti walirraa fagaataa ture walitti siqee wal gargaarutti deebi`e. akkasumas jireenya hawaasummaa irratti wal bira dhaabbatee waliin midhaaguu jalqabe.

Ji`a Ramadaanaa Kana Keessa Of Eeggannoo Fi Carraan Talaallii Fudhachuu Jiraa?

Yeroo akka ji`a ramadaanaa kana hawaasni baldhinaan waan walitti dhufuuf of eeggannoowwan gara garaa kan godhamuu qaban yoo ta`u, talaalliiwwan gosoota garaa sadarkaa sadarkaadhaan jiranis fudhatanii sababa hunda geessuun barbaachisaadha.

Jiraattonni Kutaa Minisootaa keessa jiraattan ammas carraan talaalliiwwan gosa gara garaa kennuu iddoowwan heddutti kennamaa waan jiruuf, carraa kanatti fayyadamuun fayyaa keessan eeggadhaa. odeeyfannoowwan iddoo, sa`aatii fi guyyaa talaalliiwwan itti kennamanii argachuudhaaf suuraawwan armaan gadii kanniin ilaaluu ni dandeettu.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu