Fayyaa fi Manguddummaa Irratti Gargaarsa Barbaaddanii?

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Ilmi namaa adaduma umriin isaa gara manguddummaa yookiin dullumaatti dhihaataa deemuun rakkoo fayyaa wal xaxaa ta`aniif saaxilamaa deemuun isaa waan baratamee jiru. manguddoonni kunniin yeroo kanatti gargaarsa gara garaattu isaan barbaachisa.

Ameerikaa kutaa Minisootaa keessatti dhaabbanni dhimma manguddummaa irratti hojjatuu fi manguddoota keenya gargaaruudhaan beekkamu jiraachuu isaa garuu namni beeku muraasa.

Obbo Ahmed Muusaa (Ispeeshaalistii Sabqunnamtii) DHaabbata Trellis fi Manguddoo

Waa`ee Dhaabbata Minnesota Senior Linkage Line Fi Trellis Wanti Beektan Jiraa?

Dhaabbileen lamaan kunniin Kutaa Minisootaa keessatti dhaabbilee dhimma manguddummaa irratti wajjiin yoo ta`an, dhimma Fayyaa fi manguddummaa irratti hawaasa keenya tajaajiluudhaan beekkaman. dhimmoota akka turjumaana afaanii, inshuraansii fayyaa guuttachuu, tajaajila geejjibaa fi gargaarsa nyaataa irratti manguddoota gargaaruun hojjataa jiran.

Hojiin dhaabbanni Senior Linkage line fi Trellis wajjiin tahuudhaan hojjataa jiran xiqqaa miti. waa`ee dhaabbilee kanniin lamaanii fi hojii isaanii sirritti baruudhaaf viidiyoo armaan gadii kana daawwadhaa.

https://fb.watch/j1RZ_kaViv/

Odeeyfannoo dabalataa barbaadnaan immoo bilbila armaan gadii kana irratti bilbiltanii argachuu ni dandeettu.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu