Atileetiin waltajjii addunyaa gara garaa irratti Itoophiyaa yaamsisaa turte, Atileet Bassuu Saaddoo ajjeechaa abbaa manaa ishiitiin himatamtee adabbiin umrii guutuu irratti murtaa`uun dhagahame.
Atileet Bassuu Saaddoo atileetii Itoophiyaa fiigicha giddu galeessaa fi fageenya dheeraa fiiguudhaan abdiin biyyaa irra kaahame turte. Atileetiin tun abbaa warraa isii Atileetii duraanii Tashaalaa Taammiruu ajjeesisuudhaan shakkamtee himatamuun adabbiin hidhaa umrii guutuu irratti murtaa`e,waan kanatti Ani baay’een gadde. du’a isaattis baay’een gadde. Isheenis hidhamtee sadarkaa kana gahuun du’aan adda hin jiru waan ta’eef, biyyis nama akkanaa kana dhabuutti baay’ee gadde.’’
Leenjisaa Isaanii Duraanii (Obbo Habtaamuu Girmaa)
ATILEET BASSUU SAADDOO EENYU?
- Atilet Bassuun Nama umrii waggaa 27 yoo taatu, miseensa kilabii Atileetiksii Adaamaati.
- Atileetiksii fageenya meetira 800tiin jalqabdee sadarkaa guddaa irra gahuu dandeettee jirti.
- Atileetii amala gaarii qabaachuun isii himamuu fi sadarkaa amma jirtuu olitti eeggamtu turte.
- Olompikii Riyoo, Shaampiyoonaa Atileetiksii Bejingii fi Landanitti dorgomame irratti 1,500m’n biyya bakka buute hirmaatteetti.
- Bara 2022 maaraatoonii walakkaa Meksikootti fiigde yoo injifattu, ajjeechaan raawwatuu baatii shan durammoo maaraatoonii Paarisitti dorgomame irratti 3ffaan xumurte.
- Taphoota Afrikaa bara 2015 dorgomame irratti akkasumas Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa ganna 20 irratti meetii argachuu ragaan Atileetiksii Addunyaa ni agarsiisa.
- Shaampiyoonaa Atileetiksii Itoophiyaa irratti fageenya 1500m’n bara 2014, 2016 fi 2018 si’a sadii shaampiyoonaa turte.
Atileet Bassuu Saaddoo Abbaa Manaa Ishee Akkamitti Ajjeefte?
Akka ragaan poolisii irraa argame agarsiisutti, Hagayya 08,2022 tti, ajjeechaa abbaa Manaa Ishii Atileet Tashaalaa irratti guyyaa kana raawwatame hirmaachuu isiitiin himatamte. Obbo Tashaalaan guyyaa kana halkan sa`aatii 3:00-6:00 jiddutti ajjeefamuun isaa dhagahame.
Atileetiin tun Abbaa manaa ishee ajjeesisuuf jecha namoota maallaqaan bittee mana jireenyaa isheetti affeeruuttu gabaafame. Namoonni maallaqaan bitaman kunniin Halkan ajjeechaan itti raawwatamutti dursanii mana jireenyaa Atileetichaatti dhokatanii kan turan yoo ta`u, galgala naannawa sa`aatii lamaatti yeroo Obbo Tashaalaan alaa galee gorduuba taa`ee osoo bilbila isaatiin miidiyaa hawaasummaa fayyadamaa jiruu haleellaan irratti raawwatame. ajjeechaan kun meeshaa qara qabu cuubeedhaan raawwatamuu isaattu himame.
Ajjeechaa Kana Keessatti Gaheen Atileet Bassuu Saaddoo Maal Ture?
Akka gabaasni poolisii agarsiisutti akkuma ajjeechaan abbaa manaa ishii irratti mana keessatti raawwatameen booda, yeroo namoonni ajjeesan reeffa abbaa manaa ishii manaa baasanii alatti gatanitti, Atileet Bassuun Obboleessa isiitii fi hojjattuu manaa isaan wajjiin jiraattu wajjiin ta`uudhaan dhiiga mana keessatti dhangala`ee ture qulqulleessuun, wayaa soofaa,uffata abbaa manaa fi minxaafii dhiigni tuqe hunda walitti qabuun kan dhoksan ta`uun gabaafame.
Abaa manaa ishii irratti ajjeechaan kun erga raawwatamee booda, Atileet Bassuu fi Obboleessi isii wajjiin galu namoota biroo biratti bilbiluudhaan akka waan Abbaan manaa Isii alaa hin galleetti iyyaafataa turan.
Ajjeechaa Kana Keessatti Eenyu Fa`atu Hirmaate?
Ajjeechaa abbaa Manaa Isii kana raawwachuudhaaf namoonni sadi Arsii Lixaa irraa maallaqaan bitamanii kan dhufan yoo ta`u, namoota sadiin kana maallaqaan bitee fiduu keessatti qooda kan fudhate immoo Obboleessa Atileeti Bassuu kan birooti.Bassuu,Obboleessa ishii kan isii wajjiin galuu fi Hojjattuu manaa isaanii dabalatee namoonni torba ajjeechaa kana keessatti qooda fudhatanii jiran jechuudha.
Sababni Ajjeechaa Abbaa Manaa Atileet Bassuu Maal?
Akka Ragaan abbaa alangaa irraa argame muldhisutti Atileet Bassuun Abbaan Manaa Isii Maatii,Haadha,Obboleeyyanii fi Isittis akka hin milkoofneef kudhaama kan hiise ta`uu Atileet Bassuun himatti. dabalataanis sababa maallaqa Isiin qofti hojjattee fidduutiin kan jiraatanii fi isa irrattis kan wal dhaban ta`uutu himama.
Atileet Bassuu fi Abbaan Manaa Ishee Atileet Tashaalaan bultii ijaaratanii waggoota 8-12 tti kan wajjiin jiraatan yoo ta`u, turtii waggoota hanganaa keessatti ilmaan tokkollee kan wajjiin hin qabne ta`uutu himama.Jarri lamaan kunniin Magaalaa Sandaafaa,Ganda 01, naannoo Soolaar Faabrikaa yookiin Gobaaxaa jedhamutti kan wajjiin jiraatan yoo tahu, Atileet Tashaalaan Haadha Manaa isaa Atileet Bassuu Saaddoo shaakalchiisaa kan ture ta`uus himama.
Murtiin Kenname Maal? Eenyu Fa`atti Murtiin Kenname?
Manni Murtii Olaanaan Godina Addaa Naannawa Finfinnee (Magaalaa Shaggar), dhimma kana irratti dhaddacha ooleen, dhimmicha bitaa fi mirga erga ilaalee booda Ammajjii 22,2023tti, murtii dabarsee jira. akka murtii dhaddacha kanaatti himatamtuu jalqabaa kan taate Atileet Bassuu Saaddoo fi Obboleessi isii Abdiisaa jedhamu hidhaa umrii guutuutiin akka adabaman irratti murtaa`uun baramee jira.