Qorannoo Fi Talaallii Covid-19

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Dipppaartmantiin Fayyaa minisootaa (MDH) qorannnoo fi talaallii fayya qabeessaa fi bilisaa ta`e hawaasa biraan gahuudhaaf qaamolee hawaasaa gara garaa wajjiin kan hojjatu yoo ta`u, iddoowwan dhibeen kun itti babaldhataa jiruu fi gargaarsa hatattamaa barbaadan hundatti qorannoo fi talaallii bilisaa kan kennu ta`a.

Jiraattonni Minisootaa Akkamiin Kovid-19 Qoramuu Danda`an?

Jiraattota Minisootaa namoonni taatan eessatti akka qoramtan, yoom akka qoramtan, bu`aa qorannoo keessannii eeguuf, gosoota qorannoo fi Daataa gara garaa barbaaddan argachuudhaaf liinkii armaan gadii kana tuqaa. https://www.health.state.mn.us/diseases/coronavirus/testsites/index.html

Minisootaa Keessa Gabaasani Hanga Ammaa Bahe Maal Agarsiisa?

Gabaasni dhihoo kana bahe akka agarsiisutti, Minisootaa keessatti hanga ammaatti namoota dhibee kanaan qabaman, namoota yeroo lammaffaaf qabaman, namoota du`aan godaananii fi namoota Hospitaala ciisaniin wal qabatee odeeyfannoon jiru asii gaditti argama.

  • Namoota irra deebiidhaan Vaayirasiin qabaman dabalatee hanga ammaatti namoonni 1,736,893 Vaayirasii kanaan qabamanii jiran.
  • Namoonni 14,300 ol ta`an du`aan godaananii jiran.
  • Namoonni 79,000 ol ta`an siree hospitaalaatti haajaman.
  • Namoonni 13,500 ol ta`an gargaarsi hatattamaa godhamaafii jiran.

Odeeyfannoon Talaalliin Walqabatee Jiru Hoo Maal Fakkaata?

  • Namoonni hanga Miliyoona 4 ol ta`an talaallii doozii 1ffaa fudhatanii jiran.
  • Namoonni Miliyoona 3.8 ol ta`an guutumaan guututti talaalamanii jiran.
Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu