Humneessituu Haaraya Fudhachuun Maaf Barbaachisa?

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Waa`ee Talaallii fi humneessituu harayaatiin wal qabatee odeeyfannoo dabalataa barbaannaan liinkii armaan gadii kana tuquun ni argattu.

Talaalliin dhibee Covid-19 oomishamee hawaasa addunyaatiif kennamuu erga jalqabee turee jira. haaluma kanaan humneessituun (Booster) kennamuu erga jalqabee bubbulee jira. ammaan tana immoo humneessituun haarofni hojii irra oolee hawaasaaf qoqqoodamaa waan jiruuf, namoonni umrii waggaa 5 fi achii ol jirtan hundi fudhachuu ni dandeettu.

Humneessituu Haarawoomfame Fudhachuun Maaf Barbaachisa?

Namoonni hedduun talaallii dhibee Covid-19 fi humneessituus fudhattanii jirtu ta`a, haa ta`u malee ammaan tana gosti Covid-19 BA.4 fi BA.5 jedhaman namoota talaalliiwwanii fi humneessituus fudhatanii turan qabataa waan jiraniif, humneessituun fooyya`ee dhufe akka furmaataatti kennamaa jira. humneessituun haarawaa kun faayidaalee gara garaa qaba.

  • Gosa Vaayirasii Covid-19 kan jalqabaa fi haarawaa irraa nama ittisa.
  • Vaayirasii Covid-19 irraa yeroo dheeraadhaaf nama ittisuu danda`a.
  • Gosoota Vaayirasii haarayaa irraa nama ittisa.

Humneessituu Haarawoomfame Yoom Fudhachuu Dandeenya?

  • Doozii xumuraa Talaallii Covid-19 ykn doozii humneessituu fudhattee ji`a 2 booda.

Waa`ee Talaallii fi humneessituu harayaatiin wal qabatee odeeyfannoo dabalataa barbaannaan liinkii armaan gadii kana tuquun ni argattu.

COVID-19 Vaccine
Booster Shots (https://mn.gov/covid19/vaccine/boosters/index.jsp).

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu