Mallattoolee Dhibee Monkey Pox Maal Fa`a Beekna?

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Dhibeen Maariyyee Jaldeessaa (Monkey pox) jedhamuudhaan beekkamu, erga hawaasa keessa faffaca`ee muldhata. Ardii Afrikaa, Ameerikaa fi Awurooppaas dabalatee jechuudha. dhibeen kun hawaasa addunyaa hubannoolee gara garaa qaba. gartokkeen hawaasaa tokko maalummaa dhibee kanaa kan hubachuu danda`u yoo ta`u, gartokkeen immoo dhibee kanaaf keessummaadha.

Mallattoolee Dhibee MonkeyPox Maal Fa`a Beekna?

Dhibeen Maariyee/MonkeyPox mallattoolee gara garaa kan qabu yoo tahu, mallattooleen kunniin guutuun guututti nama irratti muldhachuu yookiin immoo muldhachuu dhabuus ni danda`u. walumaagalatti mallattooleen dhibee kanaa maal akka tahan immoo gabaabsinee wajjiin ilaalla.

  • Oowwa Cimaa yookiin Qorrachuu.
  • Iitaa qaama irraa kan akka cittoo fakkaatu.
  • Dhukkubbii Mataa Cimaa.
  • Xannachoonni Morma Jalaa Iita`uu.
  • Dadhabbii Cimaa fi dugda kutuu.
  • Bowwoo Badaa.
  • Qaamota hargansuu (Kokkee,funyaan) miidhuu fi Qufaasisuu dha.

Talaallii MonkeyPox Fudhachuu Barbaadnaan…

Namoonni Kutaa Magaalaa Minisootaa keessa jiraattanii fi dhukkuba kanaan qabamtanii jirtan, talaallii dhibee Monkey pox fudhachuu yoo barbaaddan suuraa armaan gaditti argamu irraa odeeyfannoo guutuu argachuu ni dandeettan.

Namoonni Talaallii dhibee Maariyee doozii jalqabaa Family Tree Clinic tti fudhattanii turtan, doozii lammaffaa immoo Muddee 3,2022tti fudhachuu keessan akka hin irraanfanne.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu