BEEKSISA TALAALLII COVID-19

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Waa`een dhibee Covid-19 yoo ka`u, sammuu namootaa keessatti waan heddutu ka`a, gariin waa`ee hammeenya dhibee kanaa yaadachuun mala, gariin immoo waa`ee du`a namoota sababa dhibee kanaatiin lakkaahame yaadata.gariin immoo haala dhibeen kun ammaan tana keessatti argamuu fi hanga yoomiitti xumura wanti jedhu sammuu isaa keessatti uumamuu mala.

Dhibeen hamaan hawaasa addunyaa lafarraa fixaa turee fi ammas tatamsa`inni isaa dhaabbachuu hin dandeenye kun ammas too`annaa jala ooluu hin dandeenye. kanaafuu of eeggannoowwan barbaachisan hundi godhamuu qabu jechuudha. akkuma of eeggannoowwan gara garaa godhamanitti, dhibee kanaaf talaalliiwwan gara garaa oomishamanii hawaasaaf kennamuu irratti argamu. kutaan magaalaa Minisootaatiis kanumatti jirti.

Ji`a Onkoloolessaa Kana Keessa Minisootaa Keessatti Talaalliin Eessa Fa`atti Kennama?

Kutaa Minisootaa Keessatti Talaalliiwwan gosa gara garaa iddoowwan gara garaatti kan kennaman ta`anis, muraasni kanniin suuraalee armaan gadii irratti argaman.

Akkuma suuraawwan armaan olitti isiniif maxxanfaman irraa argaa jirtanitti, talaalliiwwan kunniin kan kennaman guyyaa hardhaa Onkoloolessa 26 irraa jalqabee hanga xumura ji`a kanaatti yoo tahu, odeeyfannoon sa`aatii fi iddoo talaalliin itti kennamuutis kaa`amee jira.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu