Talaallii Covid-19 Fi Barnoota Lammummaa Ameerikaa(Citizenship)

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Namoonni kutaa magaalaa Minnesota keessa qubattan hundi carraa talaallii Covid-19 kanatti fayyadamuu akka hin daganne. Minisootaa kutaalee magaalaa gara garaa keessatti talaalliin bilisaatii fi badhaasas qabu kennamaa jiran. hawaasni keenya kanniin hanga ammaatti carraa talaallii fudhachuu hin argatin carraa kanniinitti fayyadamuu ni dandeettu.

Namoonni talaallii Covid-19 fudhatan badhaasa $50 kan argatan yoo ta`u, namoonni Doozii si`eessituu fudhatanis giifti gaardii doolaara $50 kan argatan ta`a.

Namoonni talaallii kanaaf galmaahuu barbaaddan 612-254-1961 irratti bilbiluu ni dandeettu.

Talaalliin Covid-19 Eessa Fa`atti Kennamaa Jira?

Talaalliin Covid-19 kutaa minisootaa keessatti iddoowwan gara garaatti kan kennamaa jiru yoo ta`u, hardhaa fi guyyoota itti aananiif immoo iddoowwan akka giddu gala Islaamaa Ihsaanii fi Oolmaa dargaggoota Meersiititti talalliin kun ni kennama.

Talaallii Covid-19 Fudhataa Barnoota Lammummaa Ameerikaa Barachuun Danda`amaa?

Eeyyeen tajaajila fayyaa fi beekkumsa lammummaa Ameerikaa akkatti fudhatan nama gargaaru qixa argachuun ni danda`ama. Onkoloolessa 15,2022tti jiraattota kutaa magaalaa Minisootaatiif sagantaan addaa tokko qophaayee jira. namoonni lammummaa Ameerikaa hanga ammaatti hin fudhatinii fi ulaagaa isaa guutanii barnoota lammummaaf kennamu barachuu barbaadaniif haalli mijataan tokko qopheeffameefii jira. waajjirri bulchiinsa magaalaa Miniyaappolis guyyaa boruu Mana Kitaabaa Fraankiliinitti sagantaa kana jiraattotaaf qopheessee jira. kanaafuu namoonni hundi achitti argamuun akka irraa fayyadamtan isin beeksifna.

Sagantaa kana irratti ganama sa`aatii 10 am irraa jalqabee hanga 12pm tti barnoonni lammummaa USA kan kennamu yoo ta`u, talaalliin covid-19 immoo sa`aatima 10am irraa jalqabee hanga sa`aatii 1pm tti kan turu taha.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu