Barattoonni Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaatiif Imalaa Jiran Rakkoo Hamaaf Saaxilamaa Jiraachuun Dhagahame.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Telegram
Facebook
Twitter
LinkedIn

Qormaata biyyoolessaa barattoota kutaa 12ffaa bara kana Itoophiyatti ji`a Onkoloolessa 30,2022 irraa jalqabee kennamuudhaaf karoorfamee jiruuf barattoonni gara Yuunivarsiitiiwwan biyyattiin qabduutti akka imalaniif erga murteeffamee bubbulee jira.

Ministeerri barnootaa Itoophiyaa Dr.Birhaanuu Naggaatiin hoogganamu murtii kana kan dabarsineef qulqullina barnootaa mirkaneessuu fi hanna qormaataan wal qabatee biyyattii keessatti yeroo hedduu irra deddeebiidhaan dhagahamu hambisuuf jedhan.

Barattootni Qormaata Biyyoolessaatiif Imalaa Jiran Eessa Gahan?

Yuunivarsiitiiwwan hedduu barattoota qormaataaf gara iddoo ramadamaniitti deemaa jiran simataa kan jiran yoo ta`u, barattoonni naannawa Yuunivarsiitiiwwaniitti dhihaatanii jiran haala salphaadhaan iddoo barbaadamanitti argaman kan jiran yoo ta`u, barattoonni iddoon jireenya isaanii fagoo ta`ee fi imalli itti fagaate immoo qormaata hamaadhaaf saaxilamaa jiraachuun dhagahamee jira.

Yuunivarsiitii Adaamaa
Yuunivarsiitii Finfinnee
Yuunivarsiitii Woraabee

Rakkoowwan Barattoota Qormaataaf Imalaa Jiran Mudataa Jiran Maal Fa`a?

Akkuma beekkamu barattoonni bara kana qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhatan iddoon isaan itti qormaata fudhatan Yuunivarsiitiiwwan biyyattiin qabdu keessatti faffaca`aniiti. kanaaf immoo hundi isaaniituu mana isaanii irraa bahanii imaluu qabu. barattoota imala irra jiran kanniin immoo rakkinoonni hedduun karatti isaan irra gahaa jiraachuun himamaa jira. rakkinoonni akka konkolaataa argachuudhaaf hiraaruu, konkonkolaataa argatan yaabbatanii immoo karaa irratti sababa karaan hin tolfamneef karatti qabamuu. inumaayyuu kana hunda bira dabree konkolaataan gara galee lubbuu qaaliis dhabuun jalqabamee jira.

Awutoobisii Barattoota Fe`ee Jiru.
Konkolaataa Fe`aa Barattoota Fe`ee Jiru
Konkolaataa Karatti Gara Gale.

Yuunivarsiitii Bulee Horaatti Maaltu Mudate?

Ministeerri barnootaa biyyattii murtii kana yoo dabarsu waan hedduu xiinxala keessa waan galche hin fakkaatu. barattoota naannoo baadiyyaa jiraatan,kanniin carraa geejjibaa hin qabne, qaama miidhamtoota imala dheeraa imaluu hin dandeenyee fi dubartoota ulfaa gonkuma waan yaadateeyyuu hin fakkaatu. dubartoonni qormaata biyyoolessaa fudhachuudhaaf imalaa jiran gariin karatti dahaa jiru.Yuunivarsiitii Bulee Horaattis wanti mudate kanuma.

Barattuu Yuunivarsiitii Bulee Horaa Keesatti daa`imman lakkuu 2 deette.

Barruun fuula FaceBook Ministeera barnootaa Itoophiyaa gubbaa arganne akka agarsiisutti. barattuun qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa qormaatamuudhaaf gara Yuunivarsiitii Bulee Horaatti imalte, mooraa Yuunivarsiitichaa erga dhaqqabdee booda daa`imman lakkuu lama dahuu isii dubbatame.

https://www.facebook.com/fdremoe/posts/pfbid0eEL9edDDJazinnghyyG3YMtCGtpafryMgAin5FbUpGqfMXxN4JBBXUPmouYcxp3Wl

Bifuma wal fakkaatuun dubartoonni Yuunivarsiitiiwwan gara garaatti imalaa jiran karatti dahaa jiraachuun isaanii himamaa jira. Yuunivarsiitiin Amboo, Dabra Maarqoos fi Dirree Dhawaanis as keessatti argamu

Tsiggeeredaa Abarraa (Yuunivarsiitii Dirree Dhawaatti) ilma dhiiraa deette wajjiin

Barattuu TSiggeeredaa Abarraa (Yuunivarsiitii Dirree Dawaatti)

Barattuu Tsiggereedaa Abarraa Godina Harargee Lixaa mana barumsaa Qophaa’inaa Burqaa Diimtuutti kan barataa turte yoo ta`u, Qormaata biyyaalessaa Kutaa 12ffaa fudhachuuf Yuunivarsiitii Dirree Dawaa erga geessee booda ilma dhiiraa nagahaan dahuun isii dhagahamee jira.

Barattuu Mettaadel Indaalemmaawu (Yuunivarsiitii Debre Maarqoositti)

Mettaadel Indaalemmaawu (Yuunivarsiitii Debre Maarqoositti) Daa`ima intalaa deette wajjiin
Facebook
Twitter
LinkedIn
Telegram

Contact us

All Rights Reserved to Oromia11 Copyright © 2022 

Website designed by Fuad Siraj

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu