Jiraattota Minnesota,USA Qofaaf

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Ilmi namaa gara dachii tanaa dhufee jiraachuudhaaf carraa takka qofa qaba. guyyaa uumame irraa kaasee hanga guyyaa du`a isaatti jechuudha. sababoonni du`a ilma namaa immoo heddutu jiran. yeroo ammaa kana immoo weerarri dhibee Covid-19 sababa sadarkaa duraa irratti argamu ta`uun isaa beekkamaadha. dhibee kana irraa of ittisuu fi fayyuuf immoo furmaanni jiru hedduudha. talaalliin dhibee kanaa immoo hangafa.

Ilmi namaa gara dachii tanaa dhufee jiraachuudhaaf carraa takka qofa qaba. guyyaa uumame irraa kaasee hanga guyyaa du`a isaatti jechuudha. sababoonni du`a ilma namaa immoo heddutu jiran. yeroo ammaa kana immoo weerarri dhibee Covid-19 sababa sadarkaa duraa irratti argamu ta`uun isaa beekkamaadha. dhibee kana irraa of ittisuu fi fayyuuf immoo furmaanni jiru hedduudha. talaalliin dhibee…

Jiraattonni kutaa magaalaa Minnesota keessa jiraattanii fi kanniin hanga ammaatti sababoota gara garaatiin carraa talaallii Covid-19 fudhachuu hin argatin hundi ammas carraa haarawa argamutti fayyadamuudhaaf yeroo qabdu waan ta`eef itti fayyadamaa.

Giddu galli Islaamaa Al Ihsaan kan Saint Paul, MN titti argamu tajaajila talaallii maatii kennuudhaan kan beekkamu yoo ta`u, yeroo ammaa kanas guyyaa hardhaa Fulbaana 16,2022tti talaallii kana sa`aatii 2-6pm tti kan kennu ta`uu beeksisee jira.

Namoota talaallii guyyaa hardhaa fudhataniifis badhaasa doolaara Ameerikaa $100 kan kennu ta`uu beeksisee jira.

Teessoon:- 955 W Minnehaha Ave, Saint Paul,MN, 55104

Sa`aatiin:- 2-6 PM

Odeeffannoo Dabalataatiif:- 612-254-7757

Talaaliiwwan Kunniin Eessa Fa`atti Kennamaa Jiru?

Namoota kutaa magaalaa Minnesota keessa jiraattan hundaaf talaalliiwan dhibee Covid-19 iddoowwan gara garaatti kan kennaman yoo ta`u, iddoowwan akka Masjida Omar( 24 Somali Mall),Giddu gala Islaamaa Sunnaah (Saint Paul),East African Integrated Center, IGBO Women League Of Minnesota fi kanniin birootis ni jiru. odeeyfannoo dabalataatiif immoo suuraawwan armaan gadii kanniin ilaaluu ni dandeettu.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu