Weerarri Dhibee Covid-19 Maaf Baduu Dide? WHO!

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Vaayirasiin dhibee Koroonaa,kan hawaasa addunyaa gaaga`aa turee fi ammas gaaga`aa jiru sadarkaa maal irratti argama? baduu gahee jira moo ni tura? dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) Maal Jedha?...

Vaayirasiin dhibee Koroonaa,kan hawaasa addunyaa gaaga`aa turee fi ammas gaaga`aa jiru sadarkaa maal irratti argama? baduu gahee jira moo ni tura? dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) Maal Jedha?…

Vaayirasiin dhibee Koroonaa,kan hawaasa addunyaa gaaga`aa turee fi ammas gaaga`aa jiru xumura argachuudhaaf waan dhihaate hin fakkaatu. guyyaa dhibeen kun gara addunyaa tanaatti dhufe irraa kaasee hanga hardhaan tanaatti lubbuun nagahaa harca`aa jirti. haa ta`u malee odeeyfannoon oowwaan du`a vaayirasii kanaatiin wal qabatee kaleessa karaa foddaa TV`tiin daaw`ataa turree fi karaalee miidiyaawwan gara garaatiin dhagahaa turre hundi hardha akka kaleessaatti dhagahamaa hin jiran.

Vaayirasiin naannawa xumura bara 2019 kutaa magaalaa Wuhan jedhamtu biyya Chaayinaa keessatti jalqaba argame kun, hanga hardhaatti lubbuu nagahaa miliyoona 6.5 tti dhihaattu dachii tana irraa godaansisee jira. namoonni miliyoona 606 ta`an immoo vaayirasii kanaan qabamuu danda`anii jiran. hammeenyii fi balaan vaayirasiin kun hawaasa addunyaa irraan gahe lubbuu namaa qofa irratti waan gabaabbatee miti. addunyaan tun sababa vaayirasii kanaatiin hanga ammaatti lafeen diinagdee isii bakka cabee bayyanatee ka`uuf rakkatee jira.

Waa`ee Weerara Covid-19 WHO`n Maal Jedha?

Dura taa`aan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr.Tewodros Adihaanom ibsa Fulbaana 14,2022tti karaa zoom tiin miidiyaaleef kennan irratti “Weerarri vaayirasii covid-19 xumuramuudhaaf ammas fagoo jira, ammas bira hin geenye.garuu imalli gara xumuraa geeysu muldhachuu jalqabee jira.” jechuudhaan dubbatee jira. Dr Tewodros ammas itti fufuudhaan akkana jechuun dubbatee jira:-

Fiigichi vaayirasii koroonaa kana balleessuudhaaf hawaasni addunyaa godhaa jiru, akka fiigicha maaraatooniiti.yeroon ammaa kun yeroo gara sarara xumura maaraatooniitti dhihaannuuti.humna qabnu hundaan jabaannee fiiguudhaan sarara xumuraa qaxxaamuruudhaan yeroo bu`aa hojii ulfaata hojjanne itti mirkaneeffachuu qabnu. Biyyoonni hundi ija isaanii gara poolisii biyya isaanii deebisuudhaan xiyyeeffannoo guddaa Covid-19 fi vaayirasiiwwan fuuldura dhufuu danda`aniif kennuu qaban. jechuudhaan dubbatan.

Dr. Tewodros Adihanom

Dr Tewodros Adhanom haasaa isaanii kana qofa irratti hin gabaabsine ture. ibsa isaanii keessatti biyyoonni addunyaa hundi gareewwan dhibee kana gar malee daddabarsuu ni danda`an jedhanii sodaattan hunda parsantii 100% talaallii akka fudhatan gochuu qaban. dabalataanis qorannoo taasisanis itti fufuu qabu.dabalataanis dhiheessa meeshaalee fayyaa gahaa ogeessota fayyaatiif dhiheessuu akka qabanis dhaamanii jiru.

Vaayirasiin Covid-19 Hardha Hoo Tatamsa`uu Dhiisee Jiraa?

Vaayirasiin Covid-19 hardhas hawaasa keessa faffaca`uu fi lubbuu nagahaa lafa irraa qocuu isaa addaan hin kunne. lubbuun ilma namaa kan rabbiin dachii tana irratti uumee jiru hundi jalaa dhokataa hin jirtu. ulfa garaa keessa jiru irraa kaasee hanga manguddoota umriin isaanii dulloomeetti vaayirasii kanaan adamfamaa jiran. hardhas lubbuun nagahaa sa`aatii,guyyaa,torbaan,ji`ootaa fi waggaa eeggattee du`a dhandhamaa jirti.

Suuraa Lakkoofsaa fi Umrii Namoota USA tti Du`anii Agarsiisu

Maaltu Mala?

Vaayirasiin kun ammas tatamsa`uu waan hin dhiifneef,nutis wantoota isa ofirraa ittisuuf barbaachisan hunda gochuun dirqama keenya. akkuma kanaan dura jedhamaa fi barsiifamaa turetti wantoota dhibee kana ittisuudhaaf barbaachisan hunda gochuun nurraa eeggama. maloota dhibee kana ofirraa ittisuuf gargaaran keessaa muraasa suuraa armaan gadii kana irraa ni argattu.

Vaayirasiin dhibee Koroonaa,kan hawaasa addunyaa gaaga`aa turee fi ammas gaaga`aa jiru sadarkaa maal irratti argama? baduu gahee jira moo ni tura? dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) Maal Jedha?…

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu