Kovid-19 Fi Guyyaa Kabaja Ayyaanotaa

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Ilmi namaa addunyaa tana irra faffaca`ee jiraatu hundi waan hordofuu fi isa gammachiisu, kan mataa ofii qaba. amantii hordofu irraa jalqabee hanga wantoota lubbuun isaa jaalattee hordoftu kanniin birootti jechuudha. wantoota ilmi namaa jaalatu keessaa amantiin iddoo guddaa kan qabu yoo ta`u, wanti biroo immoo achi boodaan itti aana.

Namoonni tokko tokko kanniin amantii hin qabnee fi waan fedhii isaaniitiin hordofanii fi jaalatanii kabajanis ni jiru. qabxiin kiyya hardhaa waa`ee amantii haasa`uu osoo hin taane, dhimma fayyaa fi kabaja ayyaanota gara garaatiin wal qabatan irratti xiyyeeffata.

Duraan dursee hordoftoota miidiyaa Oromia 11 hundaa fi kanniin ayyaana bara haarayaa Itoophiyaa kabajjan hundaan baga bara 2015 A.L.I tiin isin gahe jechaa, itti aansuudhaan immoo waa`ee dhibee Kovid-19 fi kabaja guyyaa ayyaanaa xiqqoo wal yaadachiifna.

Ayyaana Gaarii Isiniif Haa Ta`u.

Dhibee Kovid-19 Fi Kabaja Ayyaanotaa Maaltu Walitti Fida?

Akkuma beekkamu karaalee vaayirasiin dhibee koroonaa nama irraa namatti daddarbuu danda`uun keessaa inni beekkamaan walitti dhiheenya dhihoo nama dhukkubsate wajjiin qabaachuu akka ta`e dubbatama. sababa kanaaf jecha yeroo hedduu namoonni nama vaayirasii kanaan qabametti dhihaatan carraan dhibee kanaan qabamuu isaanii guddaadha. fakkeenya fageenyi walitti dhihaachuu fi walirraa fagaachuu maal akka fakkaatu suuraa armaan gadii kana irraa argachuu ni dandeettu.

Suuraa garaa garummaa walitti dhihaachuu fi Fageenya Ofii eeggachuu Agarsiisu

Vaayirasiin Kovid-19 Guutuun Guututti Badee Jiraa?

Vaayirasiin dhibee Koroonaa ilma namaa galaafataa jiru, hardhas guutuun guututti hin dhaabbanne yookiin too`annaa jala hin oolfamne. Dhibeen koroonaa hardhas babaldhachuu irraa waan hin qulqulloofneef of eeggannoowwan dhibee kana ittisuudhaaf barbaachisan hundi akka eeggamaniif ogeeyyonni fayyaa ni gorsu.

Guyyaa Ayyaana Kabajnu Of Eeggannoowwan Godhuu Qabnu Maal Fa`a?

Yeroo kabaja ayyaanota gara garaatiif walitti qabamnu,of eeggannoowwan gara garaa kanniin godhuu qabnutu jiran. isaanis maal fa`a akka ta`an wal duraa duubaan akka armaan gadiitti isiniif kaafna.

  • Qaamaan kan walitti dhuftanii ayyaana wajjiin kabajjan yoo ta`eef, lakkoofsa namaatii fi turtii sa`aatii wajjiin dabarsitanii xiqqeessuu.
  • Manaa fi namoota wajjiin dabarsitan heddummeessuu dhabuun ni filatama.
  • Fageenya keessan eeggadhaa (Faana 6).
  • Yeroo nyaattanii fi dhugdaniin ala maaskii keessan godhachuu hin irraanfatinaa.
  • Harka keessan dhiqachuu Akka Hin Daganne.
  • Saanitaayizerii harkaa fayyadamuu akka hin irraanfanne.
  • Iddoo namni walitti baay`atutti gabayaaf deddeemuu hirdhisuu.
  • Of eeggannoowwan barbaachisan hunda gochuu irraanfachuu dhabuu.
  • Gar malee farsoo dhuguu irraa of qusachuu. machiin waan hedduuf nama saaxiluu waan danda`uuf.
  • Iddoon walitti qabamtan ala osoo ta`ee filatamaadha.
Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu