Talaallii Fi Badhaasa Doolaaraa Qixa Fudhachuu Barbaadduu?

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Kaleessa Yeroo jalqaba Dhibeen Vaayirasii Koroonaa gara hawaasa addunyaa tanaatti muldhatu, hawaasni addunyaa dhiphinaa fi sodaa guddaadhaan liqimfamuu biras dabree, osoo ija isaatiin argu akka baala mukaatti lubbuun miliyoonota hedduu harca`ee jira. Hardhas harca`aa jira.

Lubbuun MIliyoonota heddutti lakkaa`aman akka baalaatti harca`aa yeroo turte sanitti ogeeyyonnii fi saayintistoonni fayyaa gurguddoon addunyaa tanaa hundi dawaa dhibee kanaa barbaaduudhaaf wal dorgommii cimaa gaggeessaa turan. Hardha immoo talaalliin gosoota gara garaa oomishamee hawaasa addunyaa dhumiinsa hamaa irraa hanbisuudhaaf qoqqoodamaa jira.

Suuraa Qooda Talaallii Biyyoota Addunyaa Tokko Tokko Agarsiisu.

Haa ta`u malee hireen talaallii hawaasa addunyaatiif qoodamaa jiru kana argachuudhaa hundaaf wal qixaa miti. Gariin akka barbaadutti yoo argatu, gariin immoo hanqina isaatiin gar malee raafamaa jiraata. Kana daran immoo biyyoota addunyaa gurguddatan keeysatti talaallii kana fudhachuun badhaasa gara garaa argamsiisa. Biyyoonni gatii lubbuu namaa beekan hedduun isaanii lammiileen isaanii sababoota gara garaatiin talaallii fudhachuu irraa akka of duuba hin deebineef jecha, waan isaan si`aa`essu badhaasa gara garaatis irratti dabalanii lubbuu lammiilee isaanii du`a irraa ittisuuf gatii kaffalan.

Kanuma Hordofuudhaan Kutaan bulchiinsa Minnesota haala,iddoo fi yeroo gara garaa keessatti namoota talaallii Kovid-19 fudhachuu barbaadaniif sagantaa si`eessituu fi badhaasaa gara garaa kennaa jira. Namoonni badhaasa akkanaa kanniin irraa qooda fudhachuu barbaaddan immoo suuraa armaan gadii kana irratti odeeyfannoo isiniif kenname ilaaluudhaan irraa fayyadamuu ni dandeettu.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

1 thought on “Talaallii Fi Badhaasa Doolaaraa Qixa Fudhachuu Barbaadduu?”

Comments are closed.

Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu