Barachuudhaaf Dursa Talaallii Fudhadhu.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Akkuma beekkamu dhibeen vaayirasii Koroonaa addunyaa kana erga waliin dhahuu jalqabee tutturee jira. sa`aatii oduun isaa dhagahame irraa kaasee hanga hardhaatti lubbuun miliyoonota hedduutti lakkaa`amtu dachii irraa godaantee jirti. Lubbuun ilma namaa meeqa akka qoosaatti akka baala mukaatti harca`ee jira. Namoota lubbuun dabarte keessatti Ogeeyyonni Fayyaa,Hayyoonni,Jaarsonni Biyyaa,Ijoolleen abdii boruu fi Hooggantoonni biyyaatis ni argamu.

Hojjattoota Reeffa Nama Sababa Covid-19 Du`anii Dhiibaa Jiran

Vaayirasiin Koroonaa ammas lubbuu nagahaa ajjeesuu irraa boqonnaa fudhatee hin beeku. hawaasni addunyaa dhibee kana qaamatti fudhatee wajjiin jiraachuudhaaf waan deemaa jiru fakkaatata.sababa kanaanis kan ka`e gariin namaa talaallii fudhatee fi of eeggannoowwan barbaachisan hunda guuttatee dhibee kana wajjiin jiraachuudhaaf yoo socho`u, gariin immoo dantaa dhabuudhaan lubbuu ofiitis galaafatee,sababa du`aa namoota birootis ta`ee jira.

Iddoo Yaadannoo Namoota Covid-19 USA tti Du`aniif Qopheeffame
Suuraa Indiyaa Keessatti Reeffa Sababa Covid-19 tiin Du`an Gubaa Jiran Muldhisu.

Akkuma armaan olitti kaasuudhaaf yaalametti, lakkoofsii fi gosti namoota du`aa jiranii garaa garummaa hedduu qaba. hardhaan tana dargaggoonni hedduun sababa of eeggannoo dhabuutiin lubbuu dhabaa jiran. barattoonni manniin barnootaa sadarkaa gara garaa keessatti baratan, dhibee kanaan qabamanii umrii ijoollummaa kanaan godaanaa jiru.Haa ta`u malee erga Talaalliin Vaayirasii Covid-19 kennamuu jalqabee as haalli jiru sirraahaa dhufaa jira. sababa kanaaf jecha ogeeyyonni fayyaa barattoonni osoo gara barnoota isaanii idileetti hin deebine akka talaallii fudhataniif cimsanii gorsu.

BARATTOONNI MANA BARUMSAATTI DEEBI`UUN DURA TALAALAMUUN MAAF BARBAACHISA?

Barattoonni gara barnoota isaanii kan idileetti deebi`uudhaan dura talaallii fudhachuun isaan barbaachisa.talaallii fudhachuun dirqama wanti ta`uuf sababoota gara garaa irraa kan ka`e.

  • Vaayirasiin Koroonaa ammas hawaasa keessa tatamsa`aa jiraachuun.
  • Daa`imman umrii ji`a jahaa irraa jalqabee achii ol kan jiran hundaaf talaallii fudhachuun kan gorfamu ta`uu isaatiin.
  • Vaayirasiin Covid-19 daa`immaniif hamaa ta`uu isaatiin.
  • Ijoollee fi Dargaggeeyyiin hedduun talaallii isaanii seeraan ykn guutumatti fudhachuu dhabuu isaaniitiin.
  • Barattoonni Barumsatti deebi`uun duratti talaallii fudhachuun isaanii dhibee kana akka hiriyyootaa fi hojjattootatti hin daddabarsine waan ittisuuf.
  • Talaalliin Covid-19 lubbuu nagahaa baduu irraa waan ittisuuf.

Yeroo ammaa kana manniin barnootaa,buufataalee xayyaaraa fi iddoowwan gara garaa hedduu keessatti waraqaan ragaa talaallii agarsiisu waan barbaadamuuf yeroodhaan talaallii ofii fudhachuun barbaachisaadha. keessattuu barattoonni instituutii barnootaa olaanaa keessatti baratan hedduun walitti dhiheenyaan waan wajjiin dabarsaniif talaalliin kun barbaachisaa akka ta`e ogeessonni fayyaa gorsu.

Odeeffannoo dabalataatiif liinkii armaan gadii kana tuqaatii daaw`adhaa. tuquuhttps://www.health.state.mn.us/people/immunize/basics/kids.html.

Maatiiwwan Barattoota manaa qabdan hundi keessanuu ilmaan keeysan gara mana barnootaatti osoo hin deebi`in dura talaallii isaanii hunda akka fudhatan gorsaa,gargaaraa,yaadachiisaa fi Talaalchisuun dirqama keessan bahadhaa.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu