DUBARTOONNI ULFAA KANA QUBA QABDUU?

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Namoonni ammaan tana ulfa ta’an, kanniin dhiheenyatti ulfa’an, kanneen harma hoosisanii fi ulfaa’uuf karoora qaban talaallii COVID-19  akka fudhataniif Wiirtuun Too’annoo fi Ittisa Dhukkubootaa fi Waajjirri Fayyaa Minnessota ni jajjabeessu.  

Minnesota qofa keessatti, dubartoota Bitootessa 2022tti dahan keessaa yoo xiqqaate dhibbeentaan 53% ta`an, talaallii Covid-19  fudhataniiru. Kana jechuun namoonni ulfa ta’an hedduun carraan COVID-19`f saaxilamuu isaanii guddaadha jechuudha.  Haa ta`u malee, Kanneen talaallii kana hin fudhatin keessas rakkoon ni jira. gareewwan talaallii COVID 19 fudhatan keessaa muraasni kutaa hawasaa galii gad aanaa argatan, dargaggoota, namoota baadiyyaa, Afrikaan  Ameerikaanota, Indian Ameerikaanotaa fi Namootni Afrikaa Bahaa keessatti argamu.

Covid-19 Dubartoota Ulfaa Moo Kanniin Hin Ulfaa`in Sirritti Miidha?

Dubartoonni ulfa qaban dubartoota hin ulfaa`in wajjiin yoo wal bira qabamanii madaalaman, dubartoonni dhihoo ulfaa`anii fi ulfa qaban carraa COVID-19tiin baay’ee  dhukkubsachuu qabu. Dubartoonni kunniin carraan Vaayirasii dhibee Kanaatiin qabamanii hospitaala deemuu yookiin  manatti du’uu isaanii bal’aadha.  

Suuraa Ulfa Garaa Keessa Jiru Agarsiisu.

Dabalataanis guddinni ulfaa garaa dubartii dhibee covid-19tiin qabamtee keessa jiruus balaa hamaa irra bu’uu danda`a.  Akka gabaasni CDC (Center For Disease Control) irraa Adoolessa 2021 keessa bahe agarsiisutti,dubartootni ulfaa hospitaala keessatti qoratamanii vaayirasii covid-19 qabaachuun isaanii mirkanaa`e, dubartoota hin ulfaa`in wajjiin yoo wal biratti madaalamu, carraan ulfi ba’uu yookiin daa’imni du’aan dhalachuu harka lamaan dabaluu mirkanaa`ee jira.

Talaallii Covid-19 Fudhachuun Haadha Moo Ulfa Garaa Keessa Jiru Fayyada?

Talaallii COVID-19 fudhachuun dubartii ulfaa ykn haadha qofa osoo hin taane, ulfa garaa keessa jirus ni eega.  akka qorannoon ji`a Waxabajjii, 2022tti muldhisutti, daa’imman haadholii yeroo ulfaa talaallii fudhatan irraa dhalatan, dhalatanii baatiiwwan Jahan jalqabaa keessatti carraan dhukkuba COVID-19`n  qabamuu isaanii hedduu gad aanaadha. Kana jechuun ittisni farra dhukkubaa (Antibodies) namni talaallii  COVID-19 irraa argatu gara daa’ima guddataa jiruutti darbuun, erga daa’imni dhalatee booda  dhukkubichaan akka hin qabamne gargaara jechuudha.  

Suuraa Dubartii Ulfaa Agarsiisu
  • Bu`aan Talaallii fudhachuu balaa isaarra olaanadha.
  • Odeeffannoowwan talaallii COVID-19 tiin wal qabatanii bahan akka agarsiisanitti, talaalliiwwan yeroo ulfaa fi yeroo harma hoosisuutti fudhataman gaariidha
  • Yeroo ulfaatti talaallii COVID-19 fudhachuun carraa dhukkubichaan qabamuu akkaan hir’isa.
  • keessumaa  carraa dhukkubichaan baay’ee hubamuu, hospitaala deemuu, yokiin immoo COVID-19 n ’u’uu baay’ee  hir’isa.  

Dhaamsa Ijoo Yeroo Ulfaa Fi Da`umsa Boodaa

  • Talaalliin COVID-19 carraa da’uu ni miidha kan jedhu ragaan argisiisu hin jiru.
  • Talaallii COVID-19 fudhattanii jirtuu? Guddistuu (booster) fudhachuu keessan mirkaneeffadhaa. 
  • COVID-19 n dhukkubsattanii yoo jiraattan, yeroon kophaatti of baasuu keessanii akkuma xumurameen dafaa  talaallii fudhadhaa; yeroo dheeraaf eeguun isin irraa hin eegamu. 
Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu