BARA KANA HAJJII DEEMUUDHAAF KAROORA QABDAA?

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print

Hajjii bara kana godhamuuf, mootummaan Sa`udii Arabiyaa hujjaajota miliyoona tokko ta`aniif carraa kan kenne yoo ta`u, haaluma kanaan guyyaan imala hujjaajonni gara magaalaa kabajamtuu Sa`udii itti godhan dhihaatee jira.

Suuraa Hujjaajotaa ka`abaa irra naannahaa jiranii agarsiisu.

HAJJIIF IMALUUN DURATTI MAAL FA`ATU NU BARBAACHISA?

IMALA HAJJIITIIF MANAA BAHUUN DURA WANTOOTA MIRKANEEFFACHUU QABDAN.

A.    Talaallii hatattamaa Covid-19 fudhachuu.

B.    Maaskii qulqullina cimaa qabu qabaachuu.

C.    Bilbila Yeroo Rakkoo Qunnamamu.

D.    Kaardii Talaallii Covid-19 Ykn Ragaa Elektrooniksii Talaallii Fudhachuu Keessan Mirkaneessu

E.     Saanitaayizerii harkatti qabatamu.

IMALA IRRA YEROO JIRTANITTI MAAL GODHUU QABDU?

  • Dirqamas ta`uu dhabaatu, buufata xayyaaraa, xayyaara keessaa fi geejjiba ummataa keessatti maaskii akka godhattaniif CDC`n ni gorsa.
  •  Masjiidotaa fi walgahiilee mana keessaa namni irratti wal gahu irratti maaskii fayyadamaa.
  • Yoo Dhukkubbiin isinitti dhagahamee fi mallattoolee ofirratti argitan, talaallii hatattamaa godhaa.
  • Yoo Vaayirasiin Isin irratti argame imala keessan haquun, maaskii kaayachuu fi Namoota wal qunnamtaniin Xiqqeessaa.
  • Iddoo irraa jalqaba kaatanitti deebi`uu keessaniin duratti Talaallii Keessan fudhadhaa.

IMALA HAJJIITIIN BOODA QABXIIWWAN KANNIIN HIN DAGATINAA.

A.    Dhibee Covid-19`f Guyyoota 3-5 imala irraa deebitan booda qorannoo taasisaa.

B.    Mallattoo dhibee Covid-19 yoo ofirratti argitan,yeroma san qoratamaa.

C.    Imala irraa erga deebitanii booda guyyoota 5`f mana turaa.

Facebook
Twitter
LinkedIn
Print
Picture of ABDULNAASIR TUFAA

ABDULNAASIR TUFAA

Economist, Journalist, poetry and Writer at Oromia 11.

LATEST POST

Contact us

Scroll to Top
Days :
Hours :
Minutes :
Seconds

Happy New year 2024

warra Baranaa kan bara hedduu